Hasan fi Huseen hoggantoota dargaggoota warra jannataati

Hasan fi Huseen hoggantoota dargaggoota warra jannataati

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jaalatu- akkana jedhan. «Hasan fi Huseen hoggantoota dargaggoota warra jannataati».

[sirrii] [tirmiziifii ahmad odeessan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilmi lamaan intala isaanii Hasanii fi Huseen ilmaan Aliyyii bin Abii Xaalib fi Faaximaa intala Rasuulaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Nama dargaggeessa ta’ee du’ee rahmata Rabbiitin Jannata seene hundaaf sadarkaa keessatti sayyidoota akka ta'an, ykn immoo nabiyyootaa fi Khaliifota afaran irraa hanbisuun sayyidoota dargaggoo warra jannataa akka ta'an himan.

فوائد الحديث

Hadiisicha keessa sadarkaa Hasan fi Huseen -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ibsuutu jira.

Hiika hadiisaa keessatti akkanas jedhame: Isaan lamaan yeroo hadiisni kun odeeffametti dargaggoo zabana sanaa keessaa namoota warra jannataa ta'aniif hoggantoota. Yookiin akkuma Nabiyyootaa fi Khaliifota kan caalan hin jirretti dargaggoota hunda irra caalumsa qaban, Yookiin immoo warra amala dargaggummaa kan akka kabajaa, gaarummaa fi gootummaa qabaniif isaan lamaan sayyidoota, sanaan barri dargaggummaa hin dhufne; sababni isaas Hasanii fi Huseen ga’eessota ta’anii waan du’aniif jecha.

التصنيفات

sadarkaa maatii nabii