إعدادات العرض
Dhimmi mu’uminaa akkam nama ajaa’iba, dhimmi isaa hundi gaarii dha. Sunis nama Mu'uminaa qofaaf malee nama kamiifuu miti
Dhimmi mu’uminaa akkam nama ajaa’iba, dhimmi isaa hundi gaarii dha. Sunis nama Mu'uminaa qofaaf malee nama kamiifuu miti
Suheyibi irraa odeeffame Rabbiin irraa jaallatu, akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Dhimmi mu’uminaa akkam nama ajaa’iba, dhimmi isaa hundi gaarii dha. Sunis nama Mu'uminaa qofaaf malee nama kamiifuu miti, Wanti gaariin yoo isa mudate ni galateeffata, sun immoo isaaf gaarii ta'a, wanti hamaan yoo isa mudate immoo ni obsa, sunis isaaf gaarii ta'a».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල دری অসমীয়া Tiếng Việt Svenska Yorùbá Кыргызча ગુજરાતી नेपाली മലയാളം Română Nederlands Soomaali پښتو తెలుగు Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Српски Moore ქართული Čeština Magyar Українська Lietuvių Македонски Azərbaycan Wolof አማርኛ Malagasyالشرح
Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhimma Mu'uminaa fi haala isaa karaa tolina ibsuun ajaa’ibsiifatan; Kunis haalli isaa hundi gaarii waan ta’eef jecha, sun mu’umina malee nama kamiifuu akka hin taane dubbatan. Wanti gaariin yoo isa mudate Rabbiin galateeffata; galateeffachuu sanaan mindaa argata. Balaan yoo isa mudate obsee Rabbiin biratti mindaa herregata, sababaa obsaatin mindaan isaaf argama, kanaaf inni haaluma hunda keessatti mindeeffamaadha.فوائد الحديث
Sadarkaa yeroo gaarii galateeffatanii yeroo hamaa ammoo obsuun qabuudha. Namni akkas godhe duuniyaa fi aakhiratti waan gaarii argata. Namni qananii argatee hin galateeffannee fi balaa irratti hin obsine mindaa dhabee, dilii argata.
Sadarkaa Iimaanni qabuu fi mindaan haala hunda keessatti namoota amantii qabaniif malee namoota biraatif akka hin taaneedha.
Yeroo gammachuu galateeffatanii yeroo rakkinaa obsuun amaloota mu'umintoota keessaa isa tokkoodha.
Qadaa fi qadara Rabbitti amanuun mu'umina haala isaa hunda keessatti jaalala guutuun akka jiraatu taasisa, kun faallaa nama mu'umina hin tahin kan yeroo rakkinni isa irratti argame dallansuu walitti dhaabbataa ta'e keessa jiraatuti, Rabbii guddaa irraa yeroo qananii tokko argate ma'asiyaa keessatti ishee kennuu bira dabree ibaadaa Rabbii irraa isheetti shaagala.
التصنيفات
lubbuu qulqulleessuu