إعدادات العرض
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu
Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkas jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu, eegasii harka isaanii rifeensa isaanii keessa galchanii kan dhiqatan ta'an, yeroo qaama isaa bishaan quubsuu yaadanitti bishaan yeroo sadii mataa gubbaa ofitti naqanii, eegasii qaama isaanii hunda dhiqatu. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa hammaarranna.
الترجمة
العربية Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Português Kurdî Kiswahili සිංහල Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە Tiếng Việt Hausa ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or नेपाली Malagasy Kinyarwanda తెలుగు Lietuvių Română മലയാളം Nederlands Soomaali Српски Українська Deutsch ಕನ್ನಡ Wolof Moore Shqip ქართული Azərbaycan Magyar বাংলাالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa dhiqachuu yeroo barbaadu harka isaanii lameen dhiqachuun jalqaban ture, Eegasii akkuma nama salaataf wuduu’a godhatutti wuduu'a godhatan, eegasii bishaan qaama isaanii irratti naqanii, eegasii harka isaanii lameen rifeensa mataa isaanii keessa o'oofan, yeroo bishaan hundee rifeenatti gahee, qaama obaase jechuu yaadanitti bishaan mataa gubbaa yeroo sadii ofitti naqan, eegasii qaama isaanii isa hafe dhiqan. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa bishaan hammaarranna.فوائد الحديث
Janaabaa irraa dhiqachuun gosa lama: isaanis gartokkee fi guutuu jedhama, Dhiqannaan gartokkeen namichi xaaharaa niyyatee, eegasii lulluuqannaa fi bishaan funyaan keessa ol galchee baasuun waliin bishaan qaama isaa waliin gayuudha, Dhiqannaan guutuun immoo akka Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti dhiqatan kanatti dhiqachuudha.
Hunda nama bishaan sanyii isaa dhangalaase, ykn walqunnamtii saalaa raawwate, osoo bishaan irraa bu'uu baatellee janaabaan irratti ni dhugooma.
Abbaan manaa fi haati manaa qaama saalaa walii ilaaluu ni danda'uudha, akkasumas meeshaa tokko irraa waliin dhiqachuu ni danda'uudha.
التصنيفات
dhiqannaa