Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa

Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa

Usaamaa ibnu Zayd irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: usmaanitti ol seentee hin haasofsiiftuu? isaan jedhame, innis ni jedhe: isin dhageessisu malee haasawuu hin qabu jettuu? Rabbiinan kakadha balbala dubbii jalqaba nama isa banee ta'uu hin barbaanne osoon hin banin gidduu kootii fi gidduu isaatti dhugumatti haasofsiisee jira, nama tokko kan ajajaa na irratti ta'uun: inni irra caalaa namaati hin jedhu, boodan ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'ee: «Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa, worri ibbiddaa isa ilaaluuf wolitti qabamanii akkas jedhu: yaa ebelu maaltu si mudate? toltuutti ajajdee badii irraa dhoorgaa hin turree? innis ni jedha: ee dhugaadha akkasin ture, dhugaan toltuutti ajajaan ture ofiif immoo isa hin hojjadhu, akkasuma badii irraas dhoorgaan ture ofiif immoo isan hojjadha».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Usaamaa ibnu zaydiin -Rabbi isa irraa haa jaallatu- usmaan ibnu affaanitti ol seentee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- fitnaa namoota gidduutti argame irraa haasofsiiftee bu'uuraan isa hiikuuf hin tattaaffattuu jedhameen, innis fitnaa osoo hin kaasin maslahaaf jecha iccitiin akka isa haasofsiisee jiru isaan beeksiise, kaayyoon isaa hawaasatti mul'isuun ajajoota mormuun, sababaa ittiin khaliifaatti ol hiixatan ta'uu waan hin barbaanneefi, inni ulaa fitnaa fi hamtuuti jalqaba nama isa banee ta'uu hin barbaadu. eegasii Usaamaanis -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: inni ajajoota iccitiin isaan gorsa kana irratti immoo amiira yoo ta'ellee nama tokkoof fakkeessee bira hin dabru, sun booda nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhanuu dhaga'eeti, guyyaa qiyaamaa namichi fidamee, ibidda keessa buufamee, jabina ho'aatii fi adabbii irraa kan ka'e meshaan garaa isaa ariitiidhaan keessaa ba'uun, haaluma kanaan mar'imaan garaa isaa waliin akka harreen naannawa baabura isa waa daakuu naannoftutti ibidda keessa naannawa, worri ibiddaa naannawa isaatti akka geengoo isatti marseetti wolitti qabamanii, akkas jechuun isa gaafatani: yaa ebelu, toltuutti ajajdee badii irraa dhoorgita hin turree?! innis ni jedha: eeyyeen toltuuttin ajajaan ture garuu ofii kootiif isa hin hojjadhun ture, akkasuma badii irraas nan dhoorgan ture garuu isan hojjadhan ture.

فوائد الحديث

Angaa'ota gorsuu keessatti bu'uurri gidduu isaatii fi gidduu isaaniitti ta'uu fi hawaasa bal'aa gidduutti isa haasawuu dhabuudha.

Nama jechi isaa gocha isaa faallessuuf dinniina jabaatu keessa jira.

Ajajootaa woliin namuusa qabaachuu fi isaaniif garaa laafuu, akkasuma toltuutti isaan ajajanii badii irraa isaan dhoorguu.

Haqa keessatti ajajootaaf fakkeessuu fi faallaa isaa waan agarsiisu mul'isuu balaaleffachuutu keessa jira, akka nama dharaan faarsuutti.

التصنيفات

sifaata jannataafii ibiddaa