Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture

Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture

Suleemaan bin Surad irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Namoonni lama Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fuulduratti wal arrabsanii, fuulli tokkoo isaanii deematee, ujummoon morma isaa iita'e. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Ani jecha tokko kan osoo namichi aarii qabu kun isa jedhee aariin sun silaa irraa deemuun beeka, osoo akkas jedhee: Sheyxaana abaaramaa ta'e irraa Rabbitti maganfadha. Isaanis akkana jedhaniin: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Sheyxaana irraa Rabbitti maganfadhu. Innis: Ani maraataadhaa?! Sheyxaana irraa kan maganfatu nama maraatummaadhaan rakkate qofa jedhee yaade.

فوائد الحديث

Bakka sababaan isaa argametti qajeelfamaa fi sirreeffama kennuudhaaf bolola Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-qabaniidha.

Aarin sheyxaana irraa ta'aadha.

Yeroo aarii sheyxaana abaaramaa irraa Rabbitti maganfachuutti ajajuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: (Yoo garagalchaan sheyxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu..) Aayaa itti guuti.

Arrabsoo fi abaarsa irraa waan isa fakkaatan irraa akeekkachiisuu fi isaan irraa baqachiisuudha; Sababni isaas namoota gidduutti badii guddaa geessan waan ta’eef jecha.

Akka itti fayyadamuuf nama hin dhagahiniif gorsa dabarsuudha.

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- aarii irraa akeekkachiisan; Sababni isaas gara badii fi of eeggannoo dhabuutti waan nama geessuuf jecha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- seerowwan Rabbii ol ta'ee yoo sarbaman malee hin aaru ture, kun immoo aarii faarfamaadha.

Nawawiin jecha “maraatummaa natti qaba yaadduu?” jedhu ilaalchisee akkana jedhe: namni akkas dubbate kun munaafiqoota irraa ta'uu danda'a, ykn gara jabeeyyii warra baadiyyaa irraa ta’uu danda’a.

التصنيفات

amala badaa, waan dhufeef zikrii jedhan