إعدادات العرض
Nama guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin woggaa torbaatama fuula isaa ibidda irraa fageessa
Nama guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin woggaa torbaatama fuula isaa ibidda irraa fageessa
Abuu Sa'iid Al-kudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Nama guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin woggaa torbaatama fuula isaa ibidda irraa fageessa».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Português Kurdî සිංහල Tiếng Việt Kiswahili অসমীয়া ગુજરાતી Nederlands አማርኛ ไทย മലയാളം Română Magyar ქართულიالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni jihaada keessatti haala Rabbiif qulqulleessee fi mindaa Rabbiin irra barbaadeen guyyaa tokko soome, jihaada keessattis jihaadaan alattis jedhameera, Rabbiin tola isaatiin gidduu isaatii fi gidduu ibiddaa woggaa torbaatama wol irraa akka fageessu ibsani.فوائد الحديث
Beekaan islaamaa Nawawiin akkas jedhe: sadarkaan karaa Rabbii keessatti soomuu, nama isaan hin miidhamne, isaan dirqama biraa hin dabarsine, qabsoon isaa fi kan nama biraa dhimma duula isaa irraa isaan hirdhina kan hin mudanne yoo kan ta'u ta'eedha.
Sooma sunnaa soomuutti kakaasuu fi kajeelchisuutu keessa jira.
Ikhlaasnii fi jaalala Rabbii barbaaduun dirqama ta'uu isaa, na argaa fi na dhaga'aaf akkasuma fedhii biraatiif hin soomu.
Aalimni Islaamaa Assindiin akkas jedhe: jechi isaanii (karaa Rabbii keessatti) jedhu, kan itti fedhame niyyaa tolfachuu ta'uutu mala, akkasuma haala duula irra jiruun soomuus ta'uu mala, kan gara sammuutti dafee dhufu immoo isa lammaffaati.
Aalimni islamaa guddaan Ibnu Hajar akkas jedhe: jechi isaanii (arfaasa torbaatama) jedhu, woggaa keessaa yeroo beekamaadha, asitti kan itti fedhame garuu woggaadha, yeroo woggaa afran keessaa bona addatti dubbachuun -bona gannaa fi birraa- waan bonni irra qulqulluu yeroo fi isa keessa firiin waan bu'amuufi.
التصنيفات
soomana sunnaa