إعدادات العرض
Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne
Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne
Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල অসমীয়া Kiswahili Tiếng Việt ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली മലയാളം Svenska Кыргызча Română ಕನ್ನಡ Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Kinyarwanda Македонски Čeština فارسی Українська Lietuvių አማርኛ Wolof Azərbaycan Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری ភាសាខ្មែរ O‘zbek தமிழ்الشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo muslimootaaf iimaanni guutuun dhugaa akka hin taanef ibsani, hanga Rabbiin ajajamuu fi gosoota khayrii diinii fi duuniyaa waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti, akkasuma waan lubbuu ofiitiif jibus isaaf jibbuutti, obboleessa isaa muslimaa diinii isaa keessatti hirdhina yoo irratti arge, isa sirreessuuf carraaqa, toltuu yoo irratti arges isa jajjabeessee isa gargaara, dhimma isaa diinii fi duuniyaa irratti isa gorsa.فوائد الحديث
Namni waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallachuun dirqama ta'uu isaa; nama waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif hin jaallanne irraa iimaana mormuun faallaan isaa dirqama ta'uu ibsa.
Obbolummaan karaa Rabbii obbolummaa gosaatii oli, haqni isaas dirqama dirqamaa oliiti.
Jechoota fi gochoota irraa hundi waan jaalala kana faallessuu akka gowwoomsaa, komii, inaaffaa fi lubbuu muslimaatti yookaan qabeenya isaa yookaan kabajaa isaatti diinomuu hraama ta'uu isaa.
Jechoota garii kan hojiitti nama kakaasan fayyadamuu; "obboleessa isaa" jecha jedhu waan fayyadameef.
Aalimni kirmaanii jedhamu -Rabbi isaaf haa araaramu- akkas jedhe: hamtuu irraa waan lubbuu ofiitiif jibbe obboleessa isaatiifis jibbuun iimaana irraati; dubbachuu wonti dhiifameef; waan tokko jaallachuun faallaa isaa jibbuu of keessatti qabata, kun waan ga'aa ta'eef isa dubbachuu dhiise.
التصنيفات
amala gaarii