‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu

‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu

Abdullaah bin Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi Rahmatni irra haa jiraatu- kan akkas jedhuun dhaga’e: «‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama salaata jum'aa dhufuu barbaadeef dhiqannaa akka dhiqannaa janaabaa dhiqatuun isaaf jaalatamaa ta'uu irratti gadi jabeessan.

فوائد الحديث

Dhiqannaa Jum’aa jabeessuu, innis mu’uminaaf guyyaa Jum’aa akka sunnaa ta'ee fi dhiqannaan sunis yeroo salaatatti deemuf ka'e caalaa akka ta'eedha.

Qulqullinaa fi urgaan gaariin adabaa fi naamusa Muslimaa keessaa tokko yoo ta’u, innis kan jabeeffamu yeroo namootaan walitti dhufanii fi isaan waliin taa’an keessatti, keessattuu salaata jum'aa fi jamaa'aa keessatti akkaan jabeeffamuu qaba.

Haasaan Hadiisa kana keessatti ibsame nama salaatni Jum’aa dirqama irratti ta’eefi; sababni isaas isaatu ishee dhufa waan ta'eef jecha.

Nama salaata Jum'aa dhufuuf qulqullaa’aa ta'uun isaa ni jaalatamaadha, kanaaf hanga hafuurri qaama isaa keessaa bahutti dhiqachuu fi urgooftuu dibachuun barbaachisaa dha, Yoo wuduu’a qofa godhate sun isaaf gahaadha.

التصنيفات

dhiqannaa, salaata jum'ah