إعدادات العرض
Rabbiin ummata kootiif waan lubbuun isaanii isaanitti odeessite dhiiseefii jira, hanga isa hin hojjatinitti yookaan hanga isa hin dubbatinitti
Rabbiin ummata kootiif waan lubbuun isaanii isaanitti odeessite dhiiseefii jira, hanga isa hin hojjatinitti yookaan hanga isa hin dubbatinitti
Abuu Hurayraa iraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin ummata kootiif waan lubbuun isaanii isaanitti odeessite dhiiseefii jira, hanga isa hin hojjatinitti yookaan hanga isa hin dubbatinitti».
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو हिन्दी 中文 Kurdî Português অসমীয়া Kiswahili Tagalog ગુજરાતી Tiếng Việt Nederlands සිංහල پښتو Hausa नेपाली മലയാളം Кыргызча Shqip Română Svenska తెలుగు ქართული Moore Српски Magyar Македонски Čeština Українська አማርኛ Azərbaycan Malagasy Kinyarwanda Wolof ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری বাংলা ភាសាខ្មែរ Lietuvių Deutsch ಕನ್ನಡالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni haasawa hammeenyaa kan lubbuun isaa haasoftuuf akka itti gaafatamne himani, yoo isa hojjate yookaan isa dubbate malee, Rabbiin ilma namaa irraa rakkina waan kaasee fi dhiifama waan godheef, Rabbiin waan qalbiin isa irratti osoo hin ragga'inii fi isa biratti hin qubatin sammuu keessatti argamee lubbuu keessa asiif achi dedddeemeen ummata muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin qabu; qalbii isaa keessatt wanti akka quufaa yookaan boonaa yookaan nifaaqaa qalbii isaa keessatti yoo ragga'e yookaan qaama isaatiin hojjate yookaan arraba isaatiin jedhe wantoota kana itti gaafatama.فوائد الحديث
Rabbiin ol ta'e yaadowwanii fi waan sammuu ilma namaa keessa deddeebi'an kan lubbuu isaa irra dhudhufanii jennaan lubbuu isaatti dubbatee qalbii isaa irra dabaran irra darbee dhiisee jira.
ilmi namaa xalaaqii(hiikkaa) yaadee, qalbii isaa irra dhufee, garuu immoo yoo isa baafatee hin dubbannee fi hin barreessine, xalaaqa irraa hin lakkaa'amu.
haasofni lubbuu yoo akkam jabaa ta'ellee hanga qalbii isaa irratti hin ragga'inittii fi itti hin hojjatinitti yookaan isa hin dubbatinitti ilmi namaa itti hin gaafatamu.
sadarkaan ummata Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guddaa ta'uu isaa, waan haasawa lubbuutiin qabamuu dhiisuun kan isaanii qofa ta'eef jecha, faalla uummattoota nu dura dabraniitiin.
التصنيفات
je