إعدادات العرض
Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna
Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna
Abdullaah ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- booda namicha Al-Aslamiyyi jedhamu dhagaan cafaqanii ajeessanii booda, akkas jedhani: «Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna».
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Русский हिन्दी 中文 ئۇيغۇرچە Indonesia اردو Kurdî Tiếng Việt Nederlands Kiswahili অসমীয়া ગુજરાતી සිංහල Magyar ქართული Hausa Română ไทย Português Tagalog मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ বাংলা پښتو ភាសាខ្មែរ Español ಕನ್ನಡ Lietuvių Македонски Türkçe తెలుగు O‘zbek Українська Azərbaycan Moore Wolof Kinyarwanda Čeština Српски Shqip тоҷикӣ Кыргызча தமிழ் ms नेपाली മലയാളം Deutsch kmr Malagasy Kirundi 日本語الشرح
Ibnu Umar akkas jechuun hime -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- booda Maa'iz ibnu Maalik Al-Aslamiin irratti adabbii sagaagalummaa hojii irra oolchanii, ka'anii dhabbachuun akkas jechuun namootatti khuxbaa godhani: Badii fokkataa kanaa fi badiiwwan Rabbiin irraa dhoorge fokkatoo biroo irraas fagaadhaa, namni badiitti kufe waa lamatu dirqama isarratti ta'a: Ini jalqabaa: badii raawwate himuu dhiisee, akkuma Rabbiin badii isaa dhokseefitti of dhoksuudha. Lammaffaan: badii sana irra turuu dhiisee, tawbaan gama Rabbiitti jarjaruu, nama badiin isaa ifa nuuf gale adabbiii badii sanaaf kitaaba Rabbii keessatti dubbatame isa irratti raawwanna.فوائد الحديث
Gabricha lubbuun isaa badii hojjatteef badii isaa dhoksuu fi gidduu isaatii fi gidduu Rabbiitti akka tawbatutti kakaasuutu keessa jira.
Badiin nama adabsiisu, hooggantoota bira geenyaan, adabbii sana hojii irra oolchuun dirqama ta'a.
Badiiwwan irraa fagaachuu fi irraa tawbachuun dirqama ta'uu isaa.
التصنيفات
tawbaa