إعدادات العرض
“Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun…
“Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”
Usmaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana kan jedhu dhagahe: “Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”.
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Español Hausa Kurdî Português සිංහල Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە Tiếng Việt Kiswahili پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు ไทย മലയാളം Српски Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Lietuviųالشرح
Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, Muslimni kamiyyuu yeroon salaata dirqamaa isatti dhaqqabee jennaan ka'ee wuduu’a bareechee guutee godhatee, eegasii bakka qalbii fi qaamni isaa guddina Isaa of dura qabaa haala ta'een Rabbitti garagalaa ta'etti salaata isaa khushuu'a eeggatee, hojiilee ishee kan rukuu'aa, sujuudaa fi kan biroo guutee sirnaan salaatee, waan inni badiiwwan gurguddoo hin hojjatiniin salaanni tun badiiwwan xixiqqoo irraa waan ishee duratti dabre isaaf haqxuu taatu malee akka hin hafne ibsaniiru, sadarkaan kun yeroo fi salaata hundumaa keessatti ni jiraata.فوائد الحديث
salaatni diliiwwan namarraa harcaaftu ishee gabrichi wuduu'a ishee tolchee godhatee, khushuu'aan fuula Rabbii ol ta'ee isheen kan barbaadu haala ta'een salaateedha.
Sadarkaa hojii ibaadaa irratti cichuun qabuu fi sun diliiwwan xixiqqoof sababaa araaramaa akka ta'eedha.
Sadarkaa wuduu’a bareechanii godhachuu fi salaata khushuu'aan Rabbi sodaan bareechanii salaatuun qabuudha.
Diliiwwan xixiqqoof dhiifama argachuuf diliiwwan gurguddoo irraa fagaachuun barbaachisaa ta'uudha.
Diliiwwan gurguddoon towbaadhaan malee akka hin dhiifamneedha.
التصنيفات
sadarkaa salaataa