Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a

Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a

Usmaan ibnu Affaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni wuduu'a godhatee wuduu'a isaa bareeffate hanga qeensa isaa jalaan ba'utti badiin isaa qaama isaa keessaa ba'a».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni sunnaa wuduu'aa fi namuusa isaa eeggatee wuduu'a godhate, sun sababaa badiin ittiin haqamuu fi diliin dhiifamuu akka ta'e himani, hanga badiin isaa qeensa isaa miilaa fi harka isaa lamaan jalaan ba'utti.

فوائد الحديث

Sunnaa fi namuusa wuduu'aa barachuu irratti xiyyeeffachuu fi isaatti hojjachuutti kakaasuutu keessa jira.

Sadarkaa wuduu'in qabuudha, inni badiiwwan xixiqqoo haqa, gurguddaan immoo irraa toobachuun dirqama.

Ulaagaan badiin nama irraa ba'uu wuduu'a guutuu fi akka nabiyyiin ibsanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo hin hir'isin wuduu'a godhachuuni.

Hadiisa kana keessatti badiin haqamuun badii gurguddaa irraa fagaachuu fi isa irraa toobachuun daanga'a. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: (Yoo badii gurguddoo irraa dhorgamtan irraa fagaattan, badii(xixiqqaa) keessan isin irraa haqna) [Annisaa: 31].

التصنيفات

sadarkaa wuduu'aa