إعدادات العرض
Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu
Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Tiếng Việt Kiswahili ગુજરાતી አማርኛ پښتو ไทย Română മലയാളം Deutsch नेपालीالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- amaloota ilmaan namaa lama kan gochoota kaafirootaa fi dalagaa warra wallaaltotaa irraa ta'an dubbatan, isaanis: Inni jalqabaa: hidda dhaloota namootaa arrabsuu, isaan akka waan hir'ina qabanitti isaan ilaaluu fi isaan irratti of tuuluudha. Inni lammaffaa: yeroo balaan tokko nama mudate hiree san irratti aarii irraa kan ka’een sagalee ol kaasuudha, ykn abdii kutuu irraa kan ka’een uffata ofii cicciruudha.فوائد الحديث
Of gadi qabuu fi namoota irratti of tuuluu dhabuu irratti kakaasuudha.
Balaa irratti obsuu fi aaruu dhabuun dirqama tahuudha.
Gochoonni kunniin kufrii xiqqaa irraayi, Namni dameelee kufrii keessaa dameen tokko itti argame kufrii amantii irraa nama baasu kafare hin jedhamu, hanga kufrii guddaa raawwatutti kaafira hin ta’u.
Islaamummaan waan Muslimoota gidduutti wal qoqqoodinsa fidu hunda kan akka hidda dhalootaa arrabsuu fi wantoota biroo akka dhoorgeedha.
التصنيفات
kufrii