Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan

Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan

Qeys Bin Aasim irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe: Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan.

[sirrii] [abuu daawud odeesse - tirmizii odeesse]

الشرح

Muslima ta’uu barbaadee Qeys bin Aasim gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bishaanii fi muka sidriitin akka dhiqatu isa ajajan; sababni isaas baalli isaa qulqulleessuuf waan ooluu fi urgaa gaarii waan qabuuf jecha.

فوائد الحديث

Nama kaafiraa kan amma Islaamummaa seenuf dhiqachuun karaa ta'uudha.

Islaamummaan qaamaa fi ruuhii ilma namaatif akka kabajaa fi eddoo kenneedha.

Bishaan wantoota qulqulluu wajjin walitti makuun qulqulluu ta’uu irraa hin baasuudha.

Wantoonni qulqullina ittiin eeggatan ammayyaa kan akka saamunaa fi kan kana fakkaatan muka sidrii bakka bu'uu akka danda'aniidha.

التصنيفات

dirqisiiftota dhiqannaa qaamaa