"Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha

"Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaalatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganama guyyaa Aqabaa haala gaala isaanii irratti ta'aniin akkana jedhan: "Dhagaa xixiqqaa akka cirrachaa naaf guuri" dhagaa torba xixiqqan isaanif guure, isaanis dhagaa xixiqqaa akka dhagaa quba lameenin darbataniiti, eegasii isaan(Rasuulli) dhagaalee sana harka isaanii keessatti raasaa akkana jedhan: "fakkaattota isaan kanaatiin darbadhaa", eegasii ni jedhan: "Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha".

[Sahih/Authentic.] [Ibn Maajah]

الشرح

Ibnu Abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- hajjii dhaammannaa keessatti guyyaa qalmaa ganama yeroo Jamraa al-aqabaa darbatan Nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka ture hima, Dhagaa xixiqqaa boolla itti darbatan ofii isaanitiif guurutti isa ajajan, innis dhagaa xixiqqaa torba isaanif guure, tokkon isii irraa ta'e hanga firii shunburaati, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isii harka ofii keessa kaa'aniiti isii sochoosanii akka jedhan: Fakkaataa isiitiin darbadhaa, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota amantii keessatti daangaa darbuu irraa akeekkacchiisanii, amantii keessatti daangaa darbuun ummatoota amma dura darban akka balleesse himan.

فوائد الحديث

Amantii keessatti daangaa darbuu irraa dhoorguu, booddeen isaa akka hamtuu taate fi inni sababaa halaakaa akka ta'e ibsuudha.

Dogoggoroota isaan raawwatan irraa fagaachuuf jecha ummatoota irraa warra dabraniin gorfamuun akka barbaachiisaa ta'eedha.

Sunnaa hordofuu irratti kakaasuudha.