Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee

Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkas jedhuun dhagahe: "Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee, badii hojjatanii muldhisuu keessaa namni tokko halkan hojii wahii hojjatee, eegasii dhugumatti Rabbiin haala badii sana isaaf dhokseen isaaf kan bari'u yoo ta'u, eegasii akkana jechuu isaati: Yaa ebalu, eda halkan waan akkanaa waan akkasiitiin hojjedhe, dhugumatti Rabbiin isaa isaaf dhoksee haala buleen, girdoo Rabbiin isa irra kaaye sana ofirraa kaasee bari'aaf".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Muslima tokko kan badii hojjateef dhiifamni Rabbiitii fi araaramni Isaa akka isaaf abdatamu ibsani, nama of tuulummaa fi baalagummaaf jecha badii isaa muldhisu malee, inni akkasii sun dhiifama haqa hin godhatu, halkan badii hojjatee bulee, ganama dhugumatti Rabbiin haala isaaf dhookseen gadi bahee ani kaleessa badii akkanaatiin hojjadhe jedhee nama birootti of hima, Rabbiin dhugumatti isaaf dhoksee haala buleen ganama gadi bahee girdoo Rabbiin isa kaaye ofirraa kaasa!!

فوائد الحديث

Eega Rabbiin namaaf dhoksee badii ofii muldhisuun waan fokkataa ta'uudha.

Badii ifatti labsuu keessatti gidduu mu'uminootaatti safuu babal’isuutu jiraadha.

Namni Rabbiin addunyaa kana irratti badii isaaf dhokse aakhirattis ni dhoksaaf, kun bal’ina rahmata Rabbiin gabroota isaaf godhe irraati.

Namni badii dalaguun mokkorame of saaxiluu dhabee gara Rabbitti towbaa deebi'uudha qabaadha.

Guddina dilii warra badii itti yaadanii muldhisanii, nagaan jiraachuu irraa of hoonggessaniiti.