إعدادات العرض
Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu
Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu
Tamiim Al-daarii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhuun dhaga’e: «Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu, jabeenya jabaatiin, ykn xiqqeenya xiqqaatatiin, Jabeenya Rabbiin Islaamummaa ittiin jabeessu fi xiqqeenya Rabbiin kufrii ittiin xiqqeessu» Tamiima Al-daariin akkana kan jedhu tahe: jecha kana ani warra kiyya keessatti dhugumatti argeera, Nama isaan irraa Islaamummaa qabate dhugumatti kheyriin, kabajaa fi jabeenyi isa mudateera, Isaan keessaa nama kaafira tahe ammoo salphinni, xiqqeenyi fi gibirri dhugumatti isa mudateera.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Türkçe اردو हिन्दी Tagalog 中文 Kurdî Português Русский دری অসমীয়া Tiếng Việt Svenska Yorùbá Кыргызча Kiswahili ગુજરાતી Hausa नेपाली Română മലയാളം Nederlands සිංහල پښتو తెలుగు Soomaali Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Српски Moore ქართული Čeština Magyar Українська Македонски Lietuvių Azərbaycan Wolof አማርኛ Malagasy ไทยالشرح
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Amantiin kun kutaalee dachii hundatti akka babal’atuu fi bakka halkanii fi guyyaan gaye kamuu Amantiin kun akka gayuu taa'u himani. Rabbiin mana tokko magaalaa, gandoota keessattii fi baadiyyaa keessatti osoo amantii kana hin galchin hin dhiisu. Namni amantii kana fudhatee itti amane jabeenya Islaamaatiin jabaa taha. Namni isa didee itti kafare ni salphataa xiqqaataa taha. Eegasii sahaabichi Tamiim Al-daariin, Rabbiin irraa haa jaallatu, waan Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubbatan sana maatii isaa keessatti akka beeke hime, isaan keessaa namni islaamummaa qabate kheyrii, kabajaa fi jabeenya akka argate, isaan keessaa namni isa didee kafare ammoo horii irraa waan muslimtootaf kaffalu wajjiin salphinaa fi xiqqeenyi akka isa mudate hime.فوائد الحديث
Amantiin isaanii Islaamummaan kutaalee dachii hunda keessatti babal'atuuf taa'a jechuun muslimtootaaf gammachuu guddaa akka taheedha.
Jabeenyi Islaamaa fi Muslimootaf ta'uu fi xiqqeenyi ammoo kufrii fi kaafirootaf tahuudha.
Isa keessa Ragaa ragaalee nabiyyummaa keessaa tahee fi mallattoo mallattoolee isaa keessaa taheetu jira, innis waan fuulduratti argamu dubbatanii akkuma isaan jedhanitti argame, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.
التصنيفات
mallatoolee qiyaamaa