Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime

Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffamee akkana jedhe: Mu'aawiyaan masjiida keessatti Halqaa wahitti dhufee, akkana jedheen: Maaltu isin teessise? Isaanis ni jedhan: Nuti Rabbiin zakkaruuf teenye, ni jedhe: Rabbiin isin qabee kanaaf malee waan biraatif hin teenyee? isaanis ni jedhan: kanaaf malee hin teenye, Innis akkana jedhe: Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, sadarkaan ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti qabu irratti tahee namni tokkolleen kan Hadiisa naa gad qabu hin jiru: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- Halqaa wahii kan sahaabota isaanitti dhufanii akkana jedhaniin: «Maaltu teessise?» Isaanis ni jedhan: Nuti Rabbiin zakkaruu fi Islaamummaa nuuf kennee waan isaan tola nurratti ooleef jecha isa galateeffachuuf teenye, isaanis ni jedhan: «Rabbiin isin qabee san malee homaa isin hin teessifnee?» isaanis ni jedhan: «Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Mu'aawiyaan bin Abi Sufyaan Rabbiin isaan irraa haa jaallatu masjiida keessatti Halqaa wahitti dhufee maal irratti akka walitti qabaman isaan gaafate. Isaanis ni jedhan: Rabbiin zakkarra, Innis Rabbiin irraa haa jaallatu, taa’umsaa fi walga’ii isaanii keessatti Rabbiin zakkaruu malee homaa akka hin barbaanne isaan kakachiise, Isaanis isaaf ni kakatan, Ergasii akkana isaanin jedhe: ani isin shakkuu fi dhugaa keessan bir'achuuf isin hin kakachiifne, ergasii waa’ee sadarkaa isaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti inni qabuu fi isa caalaa namni biraa akka isaanitti hin dhihaanne itti hime; sababni isaas Ummu Habiibaan obboleettiin isaa haadha manaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan taatee jecha, akkasumas inni namoota wahyii barreessan irraa waan ta'eef jecha, kanuma waliinuu inni nama hadiisa waa xiqqoo odeessedha. Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, guyyaa tokko mana isaanitii bahanii masjiida keessa namoota taa'anii Rabbiin zakkaranii waan gara Islaamummaatti isaan qajeelchee isaan isaan irratti tola oolef jecha Isa galatoonfatan arganii, akkuma Mu'aawiyaan -Rabbiin isa irraa jaallatu- saahbban isaa wajjiin hojjete sahaabaa gaafatanii isaan kakachiisan, Ergasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sababa isaan gaafachuu fi kakachiisuu ilaalchisanii akkana isaan isaanin jedhan: Malaa'ikaa Jibriil -nageenyi isa irra haa jiraatu- itti dhufee Rabbiin ol-tahe malaa'ikootatti isiniin akka dhaaddatu, sadarkaa keessan akka itti himu, hojii keessan gaarii isaanitti akka argisiisuu fi isaan birattis akka isin faarsu isaanitti hime.

فوائد الحديث

Sadarkaa Mu'aawiyaan -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- qabuu fi beekumsa dabarsuu keessatti bolola inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeenya godhachuu keessatti qabuudha.

Barbaachisummaa kheyrii ibsuu keessatti shakkii tokko malee kakachiisuun akka danda'amuudha.

Sadarkaa teessuma zikrii fi beekumsaati, akkasumas Rabbiin akka isii jaallatuu fi malaa'ikootatti akka isiin dhaaddatuudha.

التصنيفات

sadarkaa barnootaa, sadarkaa zikrii