إعدادات العرض
“Namni tokko yeroo mana isaa seenee, yeroo seenuttii fi bakka nyaatatti yoo Rabbiin zakkare sheyxaanni akkana jedha: Bakka bultiis irbaatas hin qabdan
“Namni tokko yeroo mana isaa seenee, yeroo seenuttii fi bakka nyaatatti yoo Rabbiin zakkare sheyxaanni akkana jedha: Bakka bultiis irbaatas hin qabdan
Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan dhaga'e: “Namni tokko yeroo mana isaa seenee, yeroo seenuttii fi bakka nyaatatti yoo Rabbiin zakkare sheyxaanni akkana jedha: Bakka bultiis irbaatas hin qabdan, Yeroo mana seenee yeroo seenu sanatti Rabbiin hin zakkarin sheyxaanni ni jedha: bakka bultii qaqqabattan, akkasumas bakka nyaatatti yoo Rabbiin hin zkkarin sheyxaanni ni jedha: bakka bultiitii fi irbaatas qaqqabattan".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල Hausa Kurdî Kiswahili Português Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or नेपाली Malagasy Kinyarwanda Română తెలుగు Lietuvių മലയാളം Nederlands Soomaali Shqip Српски Українська Deutsch ಕನ್ನಡ Wolof Moore ქართული Azərbaycan Magyarالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana seenanii fi yeroo nyaata nyaatan Rabbiin zakkarutti ajajan, yeroo namichi yeroo mana isaa seenuttii fi yeroo nyaatutti akkana jechuun Rabbin zakkaree: (Bismillaah) sheyxaanni deeggartoota isaatin akkas jedha: Mana abbaan isaa isinirraa Rabbii ol ta'e zakkaruun tikfame kana keessatti carraa bultiitii fi irbaataa hin qabdan. Namichi yeroo mana ofii seenee yeroo seenuuttii fi yeroo nyaatutti yoo Rabbiin zakkaruu baate sheyxaanni mana kana keessatti iddoo bultiitii fi irbaatalee qaqqabattaniirtu deeggartoota isaatin jedha.فوائد الحديث
Yeroo mana seenanii fi yeroo nyaata nyaachuu ka'an Rabbiin zakkaruun barbaachisaa ta'uudha, sheyxaanni manneen keessa ni bula, nyaata warra manneen sanaatis ni nyaata isaan maqaa Rabbii ol ta'ee yoo hin yaadatin.
Sheyxaanni ilma Aadam hojii isaa, sochii isaa keessattii fi dhimmoota isaa hunda keessatti ni hordofa, yeroo inni zikrii irraa laafe waan barbaade isa irraa ni argata.
Zikriin sheyxaana ni ari'a.
Sheexana hundaaf jala deemtotaa fi jaalalleewwan jecha isatti gammadanii fi ajaja isaa hordofantu jiru.