Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan yeroo ka'an rigaan afaan isaani rigatu turani

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan yeroo ka'an rigaan afaan isaani rigatu turani

Huzeyfaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan yeroo ka'an rigaan afaan isaani rigatu turani.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hedduu rigachuu fi isatti ajajaa turani, inni yeroo garii immoo jabeeffamaa ta'a, isaan keessaa: halkan yeroo ka'an, waan nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- afaan isaanii rigaan riganii qulqulleeffataa turaniif jecha.

فوائد الحديث

Halkan yeroo hirribaa ka'an rigaan jabeeffamee karaa godhamuu isaa, hirribni foolii afaanii waan jijjiiruuf jecha, rigaan immoo meeshaa qulqullinaati.

Hadiisa darbe irraa fudhachuun, yeroo fooliin afaanii ajaawu hunda rigaa fayyadamuun jabeeffamee karaa godhamuu isaa.

Akka wolii galaatti qulqullinni karaa godhamuu fi inni karaa nabiyyiifi -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namuusa olaanaa irraa akka ta'eedha.

Afaan hunda keessa rigachuun, ilkaan, irgoo fi arraba qabata.

Rigaan damee muka araakii fi kan biraa irraa muramee, afaanii fi ilkaan qulqulleessuuf kan itti fayyadamudha, afaan ni urgeessa, foolii ajaawaas ni adeemsisa.

التصنيفات

sunnaa uumaa, qajeelfa isaa qulqulleeffachuu keessatti