Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa

Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa, Isheen inni jannata jedhuun ibidda, Ani ammoo akkuma Nuuh ummata isaa isa akeekkachiise isa isin akeekkachiisa».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee Dajjaal, amaloota isaa fi mallattoolee isaa kan nabiyyiin tokkolleen isaanin duratti ummata isaatif hin himin sahaabota isaanitti, sana keessaa: Ijji isaa jaamaa dha. Rabbiin ol tahe akka mul’ata ijaatti waan akka jannataa fi ibiddaa isa wajjin taasise. Garuu jannanni isaa ibidda, ibiddi isaa ammoo jannata, nama isa tole jedhe akka namoonni ilaalanitti jannata isaa galcha, garuu isheen ibidda nama gubduudha, nama isa dide ammoo akka namoonni ilaalanitti ibidda isa galcha, garuu isheen jannata bareedduu dha. Sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkuma Nuuhi waa’ee isaa ummata isaa akeekkachiise fitnaa isaa nu akeekkachiisaniiru.

فوائد الحديث

Qormaatni Dajjaal guddaa ta'uudha.

Qormaata dajjaal irraa nagaa bahuun kan danda'amu dhugummaa amantii fi gara Rabbii ol ta'etti deebi'uun ta'a, akkasumas Tashahhuda dhumaa keessatti isa irraa Rabbiin maganfachuu fi jalqaba suuraa Kahf irraa aayatoota kudhan qomatti qabachuu dhaani.

Cimina yaaddoo Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ummata isaanitiif qabaniidha, sunis amaloota Dajjaal kan nabiyyiin isaan duraa tokkolleen hin ibsin Muslimootaaf ibsuu isaanii keessatti mul'ata.

التصنيفات

Guyyaa qiyaamaa dhugaoomsuu., mallatoolee qiyaamaa, tola isaa s.a.w.