إعدادات العرض
Qormaata akka ciccitaa halkan dukkanaa’aa jalaa hojii gaarii hojjechuun ariifadhaa,
Qormaata akka ciccitaa halkan dukkanaa’aa jalaa hojii gaarii hojjechuun ariifadhaa,
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Qormaata akka ciccitaa halkan dukkanaa’aa jalaa hojii gaarii hojjechuun ariifadhaa, Namichi ganama mu’umina ta’ee galgala kaafira ta'a, ykn galgala mu'umina ta'ee bulee ganama kaafira ta'a, amantii isaa waan duniyaarraa xiqqaa ta'etti gurgura».
الترجمة
العربية Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල دری অসমীয়া ไทย Tiếng Việt አማርኛ Svenska Yorùbá Кыргызча ગુજરાતી नेपाली മലയാളം Română Nederlands Soomaali پښتو తెలుగు Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Malagasy Српски Moore ქართულიالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hojii gaarii hojjechuun jabaachuu fi qormaanni adda addaa kan hojii gaarii hojjechuu irraa nama dhoorgu dhufuun duratti hojii gaggaarii hojjechuu fi baay'isuu irratti mu'umina kakaasan. Inni Akka halkan dukkanaati, isa keessatti dhugaan sobatti makama, kanaaf dhugaa fi cubbuu gagar baasuun namootatti jabaata, cimina isaa irraa kan ka’een ilmi namaa burjaaja’a, hanga inni mu’umina ta’ee bulee galagala immoo kaafira ta’utti, akkasumas hanga inni mu’umina ta’ee galgaleeffatee kaafira ta'ee bariisafatutti, Gammachuu biyya adunyaa kan yeroo muraasaaf darbutti amantii isaa gurgurata.فوائد الحديث
Gufuuleen adda addaa tan hojii gaarii hojjechuu irraa nama dhoorgan dhufuun duratti amantii cichanii qabatanii hojii gaarii hojjechutti ariifatuun dirqama ta'uudha.
Dhuma addunyaa irratti qormaanni nama jallisu walduraa duubaan akka dhufanii fi yeroo qormaanni tokko dabre kan biraa isa irraa akka bakka bu'uudha.
Amantiin nama tokkoo yeroo laafee dhimma addunyaa kan akka qarshii ykn waan biraatiif jecha isa laaffise, sun ammoo amantii irraa maquu, amantii dhiisuu fi qorumsa keessa seenuuf sababa ta’a.
Hadiisicha keessa hojiin gaariin qorumsa adda addaa jalaa bahuuf sababa akka tahu ragaatu jira.
Qorumsi gosa lama qaba: qorumsa shakkiiti, wal’aansi isaa ammoo beekumsa, inni kuun qorumsa fedhiiti, wal’aansi isaa immoo Iimaana fi obsaan ta'a.
Nama xiqqoo hojjate qorumsi akka itti ariifatu, namni baay’ee hojjete ammoo waan qabuun akka hin gowwoomfamne, baay’isuu akka qabu Hadiisni kun ni ibsa.
التصنيفات
damee iimaanaa