إعدادات العرض
Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee
Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Kiswahili Português සිංහල Tiếng Việt Nederlands অসমীয়া ગુજરાતી پښتو Hausa മലയാളം नेपाली ქართული Magyar తెలుగు Македонски Svenska ಕನ್ನಡ Moore አማርኛ Română Українська ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری Wolof ភាសាខ្មែរ Malagasy Yorùbá Српски Lietuvių Kinyarwanda Shqip தமிழ் မြန်မာالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Sahaabonni akka hojjatan kakaasan, akkasumas hanga danda’aniin daangaa dabruu fi dagannoon maletti Rabbiin sodaachuu fi Rabbiif qulqulleessuu fi sunnaa hordofuun hojii isaaniitiin waan sirrii himiluu irratti isaan kakaasan; akka hojiin isaanii fudhatama argatee, rahmanni isaan irratti bu’uuf sababaa ta’uuf jecha. Eegasii hojii isaa qofaan namni tokkolleen akka nagaa hin baane fi rahmata Rabbii irraa akka hafiinsi hin jirre himan. Isaanis ni jedhan: Atillee yaa Ergamaa Rabbii hojiin kee gatii guddaa qabaatus nagaa si hin baasuu? Isaanis akkana jedhan: Anilleen, yoo Rabbiin tola rahmata isaatiin na haguugee malee.فوائد الحديث
Nawawiin akkana jedhe: (karaa sirrii qabadhaa itti dhihaadhaa) jechuun: karaa sirrii barbaadaa, itti hojjadhaa, osoo irraa dadhabdanillee, itti dhihaadhaa jechuudha, Sadaada jechuun: waan sirriiti, innis garmalee daangaa dabruu fi garmalee dadhabina agarsiisuu giddutti argama, daangaa hin dabrinaa akka malees hin dadhabinaa jechuudha.
Ibnu Baaz akkana jedhe: Hojiin gaariin jannata seenuuf akkuma sababa ta’u, hojiin badaan Jahannam seenuuf sababa ta’a. Hadiisichi jannata seenuun isaanii bu’aa hojii qofa osoo hin taane, dhiifamaa fi rahmata Rabbii ol ta’ee irraa akka hafiinsi hin jirre ibsa, namoonni jannata kan seenan sababaa hojiilee isaanitiin yoo ta'u, garuu kan sana dirqama taasise rahmata, dhiifamaa fi araarama Rabbii ol ta'eeti.
Gabrichi hojiin isaa hangam guddaa ta’us hin gowwoomuu fi dinqisiifatuu hin qabu; sababni isaas haqa Rabbiitu hojii isaa caala waan ta'eef jecha, gabrichi sodaa fi abdii qabaachuu qaba.
Tolinaa fi rahmanni Rabbii gabroota isaa irratti qabu hojii isaanii caalaa bal’aa ta'uudha.
Hojiileen gaariin Jannata seenuuf sababaa ta’a, ittiin milkaa'uun immoo tolaa fi rahmata Rabbiitiini.
Kirmaaniin akkana jedhe: "Namoonni hundi rahmata Rabbiitiin malee Jannata yoo hin seenne, sababni Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- adda baasee dubbateef, yoo isaanif jannata seenuun kan mirkanaa’e ta’es rahmata Rabbiitiin malee akka hin taane haa beekamuuf; yoo ta'u namoonni biroo immoo sana keessatti caalaatti rahmata isaan barbaachisaadha.
Nawawiin akkana jedhe: Hiika jecha Rabbii ol ta’ee keessatti: ﴾Waan hojjataa turtaniin jannata seenaa﴿ [An-Nahl: 32], ﴾Jannanni sun tan ishee dhaalchifamtani waan hojjataa turtaniini﴿ [Zukhruf: 72], fi aayaawwan isaan lamaan fakkaatan kan hojiileen jannata seenamaa akeekan, Kuni hadiisa kana hin faallessu, hiikni aayatawwanii Jannata seenuun sababaa hojiileetiin akka ta'eedha, eegasii hojiileef waffaqamuun, ishee keessatti ikhlaasa argachuu fi isheen nama irraa qeebalamuun rahmataa fi tola Rabbii ol ta'eetiini, eegaa namni tokkolleen hojii qofaan jannata hin seenne jechuun sirrii ta'a, kun waan hadiisoonni akeekani, akkasumas hojiidhaan jannata seene jechuun sirrii ta'a, sababaa isaatiin jechuudha, hojiin rahmata Rabbii irraayi.
Ibnu Al-Jawziin akkana jedhe: Kanarraa deebii afur argachuun ni danda’ama; Inni jalqabaa: Milkaa’inni hojiif rahmata Rabbii irraayi, osoo rahmanni Rabbii jiraachuu baatee Iimaana fi Rabbiin buluun sababaa isaatin ibidda irraa nagaa bahuun ta'u silaa hin argamu ture. Lammaffaan: Faayidaan garbichaa kan gooftaa isaa waan ta’eef hojiin isaas kan gooftaa isaati, qananiin inni isaaf oolu hundi tola isaa irraayi. Sadaffaan: Hadiisa garii keessatti Jannata seenuun mataan isaatuu rahmata Rabbiitiin akka ta’e dhufeera, sadarkaa adda addaa argachuun immoo sababaa dalagaatiini. Afraffaan: Gochoonni Rabbiif ajajamuu yeroo gabaabaa keessatti raawwataman, mindaan isaa immoo gonkumaa hin dhumu, qananiin hin dhumne mindaa waan dhumuu ta'uun tola malee sababaa hojii sanaatifii miti.
Raafi’iin akkana jedhe: Namni waa hojjetu tokko nagaa bahuu fi qabxii argachuuf hojii isaa irratti hirkatuu hin qabu; Sababni isaas inni towfiiqa Rabbiitiin waan hojjeteef jecha, badiis kan hojechuu dhabe eegumsa Rabbiitiini, kun hundi tolaa fi rahmata Rabbiitiini.
التصنيفات
tawhiida maqaaleefii sifaataa