Nabiyyoota ana dura ergaman keessa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hintaane

Nabiyyoota ana dura ergaman keessa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hintaane

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan jedhe: «Nabiyyoota ana dura ergaman keessa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hintaane. Sana booda ummata waan jedhan hin dalagne, waan hin ajajamin ammoo kan dalagantu hafan, namni harka isaatiin isaan irratti qabsaa’e inni mu’umina. Namni arraba isaatiin isaan irratti qabasaa'e inni mu'umina, namni qalbii isaatiin isaan irratti qabsaa’e innis mu'umina. kana booda Iimaana irraa wanni hanga firii raafuu hin jiru».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ummata isaa irraa namoonni qulqulluu, deggertoonni, fi Mujaahidoonni garaa qulqulluu ta'an, isa booda bakka bu'ummaaf kan mijatan, sunnaa isaa qabatanii kan ajaja isaa fudhatan isaaf ta'an malee Rabbiin ummata isaan duraa keessatti akka nabiyyii tokko hin ergin himan. ergasii booda warra gaggaarii kanaatii ummanni kheyriin isaan keessa hin jirre akka dhufanii fi isaan waan jedhan akka hin raawwannee fi waan itti hin ajajamin akka raawwatan, namni harka isaatiin isaan irratti qabsaa’e inni mu’umina, namni arraba isaatiin isaan irratti qabasaa'e inni mu'umina, namni qalbii isaatiin isaan irratti qabsaa’e innis mu'umina akka ta'ee fi sana booda Iimaana irraa wanni hanga firii raafuu takka akka hin jirre himaniiru.

فوائد الحديث

Namoota jechoota fi gochoota isaanitiin seera shari'aa cabsaniin loluu irratti kakaasuudha.

Qalbiin badii tokko mormuu dhabuun iimaanni laafaa ta'uu irratti ragaadha.

Rabbiin -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Anbiyootaf namoota booda isaanitii ergaa isaanii baatan laaffisuudha.

Namni nagaa bahuu barbaade karaa Anbiyootaa hordofuu qaba; Sababni isaas karaan isaan malee jiru, karaa badii fi jallinaa waan ta’eef jecha.

Akkuma zamana nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fi sahaabota isaanii irraa fagaachaa deemaniin namoonni sunnaa dhiisanii, fedhii ofii qofa hordofuun bid’aalee adda addaa amantii keessa galchaniidha.

Sadarkaalee jihaada ibsuudha, akkasumas inni nama jijjiiruu danda'u kan akka moototaa fi warra taayitaa qabaniif harkaan ta'a, akkasumas haqa ibsuu fi gara isatti waamuun jechaan ta'a, akkasumas badii mormuu fi isa jaalachuu dhabuun qalbiin ta'a.

Gaariitti ajajanii badii irraa dhoorguun dirqama ta'uudha.

التصنيفات

dabaluu iimaanaatiifii ir'achuu isaa, qooda duulaa