Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii

Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii

Abuu Umaamaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Hajjii dhaammannaa keessatti isaanii akkana jedhanii khuxbaa godhanin dhagahe: "Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii".

[sirrii] [ibnu hibbaan odeesse - tirmizii odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- guyyaa Arafaa, Hajjii dhaammannaa, Hijraa irraa waggaa kurnaffaa keessatti khuxbaa godhani, sababni (Hajjii dhaamannaa) jedhamteef Nabiyyiin -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota yeroo sana achi jiraniitti waan dhaammataniif jecha, Namootni hundi ajajoota Isaa fudhachuu fi dhoorgaalee Isaa irraa fagaachuun akka Rabbii isaanii sodaatan isaan ajajani. Akkasumas salaata shanan Rabbiin ol ta'e halkanii fi guyyaa keessatti dirqama taasise salaatuutti isaan ajajani. Ji'a Ramadaanaas soomuutti isaan ajajani. Akkasumas zakaa qabeenya isaanii osoo isiidhaan hin don'oomne warra isii haqa godhataniif kennutti isaan ajajani. Akkasumas waan badiin keessa hin jerre keessatti warra Rabbiin isaan irratti bulchitoota isaan taasise tole jechuutti isaan ajajani, Namni wantoota dubbataman kanneen hojjate mindaan isaa Jannata seenuudha ta’a.

فوائد الحديث

Dalagaawwan kunneen sababoota Jannata ittiin seenan keessaa isa tokko.

التصنيفات

sadarkaa hojiilee gaggaarii