Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane

Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane

Abuu Abs Abdurrahmaan bin Jabri irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane».

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama karaa Rabbii keessatti osoo qabsaa'uu miilli isaa lamaan dhukkaa'an ibiddi akka isa hin tuqne gammachiisan.

فوائد الحديث

Nama karaa Rabbii keessatti qabsaa'uuf ibidda jalaa nagaa bahuun gammachiisuudha.

Dhukkeen osoo qaama guutuu tuquu miila lamaan addatti dubbateef; irra hedduun qabsaa'otaa yeroo sana keessatti waan miilan deemaniif jecha, miilowwan haaluma hundaanuu dhukkooftuudha.

Ibnu Hajar akkana jedhe: Miilli qofti dhukkaa'uun ibidda yoo haraama irratti godhe; namni carraaqu fi waan dandeetti isaa keessa jiru hunda aarsaa kaffalu akkam ta'a hoo?

التصنيفات

sadarkaa karaa rabbii keessatti duuluu