إعدادات العرض
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani
Aa'ishaa haadha Mu'umintootaa haadha manaa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan taate irraa akka odeeffametti -Rabbi ishee irraa haa jaallatu-: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी සිංහල ئۇيغۇرچە Hausa Português Kurdî Tiếng Việt Kiswahili অসমীয়া ગુજરાતી Nederlands دری മലയാളം Română Magyar ქართული Moore ಕನ್ನಡ Svenskaالشرح
Haati Mu'umintootaa Aa'ishaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ramadaana irraa kurneessituu boodaa keessa halkan qadrii(halkan sadarkaa qabdu) barbaachuuf jecha haala dhaabbataa ta'een i'itikaafa seenaa akka turan himte, hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti haala kana irratti itti fufani, haadholiin manaa isaaniis -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- boooda isaaniitii haala dhaabbataa ta'een i'itikaafa seenaa turani.فوائد الحديث
Masjiidota keessatti i'itikaafa seenuun karaa godhamuu isaa, dubartootaafillee akkasuma ulaagaa shari'aa haala eeggatee fi ulaagaa fitnaan aragamuu dhabuun amanameen.
Ramadaana irraa kurneessituu boodaa keessa i'itikaafa seenuun akkaan kan jabeeffamu ta'uudha, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaabbataan waan irra turaniif.
I'itikaafni sunnaa itti fufaa kan hin haqamneedha, booda isaaniitii haadholiin manaa isaanii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- i'itikaafa seenaa waan turaniif jecha.
التصنيفات
i'itikaafa (teessoo masjiidaa)