WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan…

WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan ta’aa

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: «WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan ta’aa, muslimni obboleessa muslimaati, isa hin miidhu, isa hin xiqqeessu(bakka isaaf tumsamuu qabutti isa irraa hin dheessu), isa hin tuffatu, Rabbiin sodaachuun as jira" si’a sadi qoma isaaniitti akeekaa "namichaaf obboleessa isaa muslimaa xinneessuun, hamtuudhaaf isaaf ga’aadha, hundi muslimaa muslima irratti haraama, dhiigni isaa, qabeenyi isaa fi kabajaan isaas».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- obboleessa isaa muslimaatiif toltuu dhaamaniifii, garii dirqamootaa, naamuusaa fi kan sana fakkaatan biroo, wantoota dirqama isa irratti ta'an ifa godhani; sana irraa: Dhaamsi jalqabaa: gariin keessan qananiin garii keessan irraa fuudhamuu hawwuun walitti hin inaaffisinaa. Lammaffaan: bitachuu osoo hin barbaadin; nama gurguratu fayyaduuf jecha yookaan nama bitatu miidhuuf jecha, gatii meeshaa irratti dabaluun walirratti caalbaasii hin seeninaa. Sadaffaan: wol hin jibbinaa, innis miidhaa namaa fedhuudha, innis faallaa jaalalaati; jibbaan Rabbii ol ta'eef jecha kan ta'u yoo ta'e malee; inni kun dirqama ta'a. Afraffaan: tokkoon keessan obboleessa isaatti duuba isaa fi gateettii isaa gara galchuun, isa irraa gara galee isaan ooduun dugda wolitti hin galinaa. Shanaffaan: nama meeshaa bitateen: meeshaan kana fakkaatu gatii kanaa gadiitiin nabira jira, yookaan meeshaa kana irra gaariitu gatiidhuma ati bitatte kanaan nabira jira jechuun, gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurin. Eegasii nabiyyiin -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- akkas jechuun dhaamsa wolitti qabataa ta'e dhaamanii, akkana jedhan: wantoota dhoorgamoo dubbataman dhiisuun, qalbii qulqullaa'uu fi haala kamuu keessatti wol gorsuu waliin, jaalala, mararfannaa, gara laafummaa, woliif rifannaa fi toltuu irratti wol gargaaruu waliif qooduun akka obbolaa ta'aa. Wantoota obbolummaan kun agarsiisu keessaa: Obboleessa isaa miidhuu dhabuu fi daangaa isatti darbuu dhabuudha. Obboleessa isaa muslimaatii miidhamaa jiruu, bakka isaa tmsee miidhaa isa irraa kaasuu danda'utti, isa irraa gara galee, isaa miidhamaa jiruu isa dhiisuu dhabuudha, Isa tuffachuu fi isa xinneessuu dhabuu, akkasumas ija xiqqeessaa fi ija tuffiitiin isa ilaaluu dhabuu; kun boona qalbii keessa jiru irraa kan madduudha. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin sodaachuun qalbii keessa akka ta'e yeroo sadi ifa galchani, namni qalbii isaa keessa sodaan Rabbii, kan haala toluu fi Rabbiin of irratti to'achuu dirqamsiisu jiraate muslima hin tuffatu, gosa hamtuu fi haala fokkataa irraa, obboleessa isaa muslimaa tuffachuun isaaf ga'aadha; sunis kan ta'e sababaa boonni qalbii isaa keessa jiruufi. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi muslimaa muslima irratti haraama jechuun wantoota darban irratti gadi jabeessani, dhiigni isaa, ajeechaa isa irratti raawwachuun yookaan waan isaa gadiitiin, akka madeessuu yookaan rukutuu fi kanneen kana fakkatan birootiin, akkasumas qabeenyi isaas: haqaan maletti isa irraa fudhachuun, akkasumas kabajaan isaas: isa arrabsuun yookaan gosa isaa arrabsuun.

فوائد الحديث

Hunda waan obbolummaa iimaanaa dirqamsiisuutti ajajuu fi jechootaa fi gochoota isa faalleessu irra dhoorguutu keessa jira.

Utubaan sodaa Rabbii, Rabbiin beekuu, isa sodaachuu fi ofirratti isa too'achuu qalbii keessa jiru, sodaa kana hojiiwwan gaggaariitu irraa madda.

Jallinni alatti mul'atu, sodaan Rabbii qalbii keessatti laafaa ta'uutti akeeka.

Akkaataa kamiinuu, jechaa fi gochaanis muslima rakkisuu irraa dhoorguutu keessa jira

Muslimni tokko osoo qananiin obboleessa isaa irra jiru, isa irraa deemuu hin hawwin, akka obboleessa isaa sana ta'uu hawwuun inaaffaa irraayii miti, kun hawwii jedhama; inni kun toltuu keessatti wol dorgomuu irratti gargaara waan ta'eef eeyyamamaadha

Ilmi namaa uumama isaatiin, toltuuwwan kamuu keessatti namni tokkollee isa bira taruu jibba, toltuun sun nama biraa irraa deemuu yoo jaallate, inni inaaffaa jibbamaadha, isaan dorgomuu yoo jaallate immoo, inni hawwii eeyyamamaadha.

Nama meeshaa bitate tokkoof, bittaa isaa sana keessatti, gowwoomsaa fokkataa akka gowwoomfame ifa galchuuniif, muslimni gurgurtaa obboleessa isaa irratti gurguruu irraayii miti; kun waan haqaan dhaamsa waliif godhuu dirqamsiisudha, kun kan ta'u ulaagaa, niyyaan isaa obboleessa isaa bitate sanaaf dhaamsa gochuutiin ta'uutiin malee, niyyaa namicha gurgure sana miidhuutiin ta'uu hin qabu, hojii keessatti niyyaatu ilaalama waan ta'eef.

Namni gurguruu fi kan irraa bitatu, walirraa kan hin jaallannee fi gatiinis hin raggaane yoo ta'e, kun muslimni gurgurtaa obboleessa isaa irratti gurguruu irraayii miti.

Rabbiif jecha jibbuun wol jibbaa isa irraa dhoorgame irraayii miti, inni kun dirqamaa fi haada iimaanaa jabaa irraayi.

التصنيفات

amala gaarii, lubbuu qulqulleessuu