إعدادات العرض
Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa
Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Tiếng Việt Kiswahili ગુજરાતી پښتو አማርኛ ไทย Română മലയാളം Deutsch नेपाली Кыргызчаالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- ibaadaaf ykn beekumsaaf ykn kaayyoo gaarii biroof yeroo fedhetti; dura guyyaas ta'ee booda isaa keessatti nama gara masjiidaa dhufe Rabbiin Jannata keessatti eddoo fi keessummummaa dhugumatti kan isaaf qopheesse ta'uun isa gammachiisan, sunis halkan ykn guyyaa keessatti yeroo inni masjiida dhufe hunda.فوائد الحديث
Sadarkaa gara masjiidaa deemuun qabuudha, akkasumas salaata jama’aa achitti eeggachuu fi salaatuun qabuudha, Namni masjiida irraa fagaatu kheyrii, sadarkaa, mindaa fi keessummummaa Rabbiin nama mana isaa dhufeef qopheessu irraa hangamiitu jalaa darba?
Namoonni nama mana isaanii dhufe ulfeessanii, nyaata kan isaaf dhiyeessan yoo ta'e, Rabbiin immoo uumama isaa caalaa arjaa dha! Nama mana isaa dhaqe ni kabaja, Rabbiin qubsuma guddaa isaaf qopheessa.
Gammachuu nama masjiida dhaquu; Sababni isaas ganama ykn galgala keessatti baay’ina deemsa isaa irratti hundaa’uun bakki qubsumaa waan isaaf qopheeffamuuf jecha.