إعدادات العرض
Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi
Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi
Anas irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी සිංහල ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Tiếng Việt Kiswahili پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali മലയാളം తెలుగు ไทย Српски Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Lietuvių Wolof தமிழ் Українська ქართული Magyar Moore Shqipالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- du'aa'ii yeroo tokkotti waa hedduu of keessatti qabatuun kadhannaa kan baay'isan turan, sana keessaa: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi" jechuudha. Du'aa'in kun gaarummaa addunyaa kan akka rizqii bareedduu, bal’aa halaal, haadha manaa gaarii, ilmoo ijji itti gammaddu, beekumsa faayidaa qabu, hojii gaarii, fi wantoota hawwataa fi hayyamaman biroo of keessatti hammata, akkasumas tolina aakhiraa, adabbii qabrii, fi ibidda jahannam irraa bilisa ta’uu, jaalala Rabbii argachuu, qananii dhaabbataa ta'een milkaa'u fi Rabbii rahmata guddaa qabutti dhihaachuudha of keessatti hammata.فوائد الحديث
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- fakkeenyummaan hordofuuf jecha, du'aa'ii hunda galeessa fayyadamuun jaallatamaa ta'uudha.
Namni yeroo du'aa'ii godhatu du'aa'ii isaa keessatti kheyrii addunyaa fi Aakhiraa walitti qabee kadhachuun caalaatti kadhannaa isaa guutuu taasisa.
التصنيفات
du'aa'ii nabii s.a.w.