Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu

Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu

Ibnu Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wanti sammuu haguugee isa deemsisu hundi bifa dhugaatin, ykn bifa nyaataatin ykn bifa funyaanitti ol fudhachuutin ykn bifa waan biraatin ta'ee inni farshoo nama macheessu yoo tahu, waan nama macheessee sammuu namaa deemsisu hunda xiqqaas tahee guddaa Rabbiin ol tahe dhugumatti akka haraama isa taasisee irraa dhoorge. Namni wantoota nama macheessan irraa gosa kamiyyuu dhugee, dhuguu itti fufee hanga du’utti irraa hin towbatin; inni Jannata keessatti akka isa hin dhugne gochuudhaan adabbii Rabbii haqa godhataadha.

فوائد الحديث

Sababni farshoon dhoorgameef waan nama macheessuufi, Wanti gosa kamiiyyuu tahee wanni nama macheessu hundi haraama.

Rabbiin ol tahe farshoo haraama akka godheedha; Sababaa miidhaa fi badii guddaa of keessaa qabuuf jecha.

Jannata keessatti farsoo dhuguun mallattoo qananii fi guutuuti.

Namni addunyaa tana keessatti farshoo dhuguu irraa of hin qusanne, Rabbiin jannata keessatti akka hin dhugne isa dhoorga, mindaan fakkaatuma hojiiti.

Osoo hin du'in gara Rabbitti deebi'uun towbachuu irratti nama kakaasuudha.

التصنيفات

dhugaatii haraam