إعدادات العرض
Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti iraa jaallatamaa ta'an hin jiru» goyyoota kurnan jechuudha
Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti iraa jaallatamaa ta'an hin jiru» goyyoota kurnan jechuudha
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti iraa jaallatamaa ta'an hin jiru» goyyoota kurnan jechuudha, yaa ergamaa Rabbii, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo taellee moo? jedhani, isaanis ni jedhani: «Eeyyeen karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee, namicha lubbuu isaatii fi qabeenya isaatiin ba'ee sana keessaa homa tokkoon kan hin deebine yoo ta'e malee».
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी বাংলা Español Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் සිංහල မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Hausa دری Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda नेपाली Српски Soomaali Moore Українська Български Tagalog Wolof Azərbaycan ქართული тоҷикӣ Bambara Македонски አማርኛ ភាសាខ្មែរ मराठी ਪੰਜਾਬੀ Italiano O‘zbekالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurnan jalqabaa baatii zul hijjaa keessa hojjatamu guyyoota woggaa hunda keessatti kan hojjatamu akka caalu ibsani. sahaabonni -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- kurnan kanaan alatti qabsoo karaa Rabbii keessatti godhamuutu irra caala moo guyyoota kurneessituu kana keessatti hojii gaarii hojjatamuutu irra caala jechuun nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatni, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uun irra caalaa hojii ta'uun isaa isaan biratti ragga'aa waan tureef jecha. Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurneessituu kana keessatti hojjatamu guyyoota biroo keessatti karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irraa caala jechuun deebisaniif, namicha karaa Rabbii keessatti lubbuu isaatii fi qabeenya isaa aarsaa taasisuun qabsoof ba'ee, qabeenya isaa dhabee lubbuun isaas karaa Rabbii keessatti baate yoo ta'e malee. kana qofa kan hojii gaarii guuyyoota kurnan caaltuu taate kana kessatti hojjatamu caalu.فوائد الحديث
sadarkaa hojiin gaarii guyyoota kurnan zul hijjaa keessatti hojjatamu qabuudha, muslima irratti guyyoota kanatti fayyadamuu fi isa keessatti zikrii Rabbii, qur'aana qara'uu, Allaahu Akbar, laa ilaaha illallaah, Rabbiin faarsuu, salaata, sadaqaa, soomaa fi hunda hojii toltuu irraa ibaadaa heddummeessuutu irra jiraata.