Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture

Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaalatu: Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Rabbiin akkana jedhe: Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture, na kijibsiisuun isaa, akka dura na uumetti na hin deebisu jechuu isaati, uumisi jalqabaa anaaf isa deebisuu irra salphaa miti, Na arrabsuun isaa ammoo, Rabbiin ilmoo godhateera jechuu isaati, ani tokkicha hirkoo waa hundaati, hin dhallee hin dhalannes, hiriyaan tokkos anaaf hin taane".

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu hadiisa Rabbii ol ta'e irraa odeeffame keessatti, Rabbiin ol tahe, waa’ee mushrikootaa fi kaafirootaa yeroo himu isaan akka Isa kijibsiisan, akkasumas hanqinaa fi mudaa akka gara Isatti hirkisanii fi sun akka isaanif hin tolle hime jechuudha ibsan. Rabbiin kijibsiisuun isaanii, Rabbiin akkuma yeroo jalqabaaf dhabama irraa isaan uumetti eega isaan du’anii isaan hin deebisu jechuu isaaniti, Rabbiinis inni uumama dhabama irraa jalqabee isaan deebisuu irratti danda'aadha, inumaayyuu isaatu irra salphaadha jechuun isaan irratti deebise, Rabbiin ilaalchisee uumu fi deebisuun waluma qixa ta'anillee, sababni isaas Rabbiin waan hundumaa irratti danda'aa waan ta'eef jecha. Rabbiin arrabsuun isaanii ammoo Rabbiin ilma godhate jechuu isaaniti, Rabbiinis inni Tokkicha, isa maqoolee, sifowwanii fi hojiilee Isaa keessatti guutummina hundaan adda ta’e, hanqinaafi mudaa hundarraa bilisa ta’e, akkasumas hirkoo wanni hundi itti haajamu, kan ofii isaatii waa tokkotti hin haajamne, kan nama tokkoofis abbaas ilmaas hin ta'ini, kan hiriyaa fi fakkaataa hin qabne jechuun isaan irratti deebise, Inni qulqullaa'ee ol ta'e.

فوائد الحديث

Guutummina dandeettii Rabbii ol ta'ee raggaasisuudha.

Du’a booda kaafamuun akka jiru ibsuudha.

Eega du'anii kaafamuu namni morme yookaan Rabbiin ol ta'e ilma qaba namni jedhe Rabbitti kafareera.

Rabbiin ol ta'e hiriyaas fakkaataas hin qabuudha.

Bal’ina obsa Rabbiiti -Inni qulqullaa'e- fi warra kafaraniif akka towbatanii gara Isaatti deebi'aniif jecha boqonnaa kennuu Isaati.

التصنيفات

tawhiida maqaaleefii sifaataa