Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan

Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan

Amrii bin Aamir Anas bin Maalik irraa odeessee Anas akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan, nan jedheen: Isin hoo akkam godhaa turtan? ni jedhe: Hanga wuduu'a hin balleesinetti tokkoo keenyaaf wuduu'uma tokkootu gaha.

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata waajibaa hundaaf wuduu’a godhachaa turan, wuduu'in isaanii osoo badullee baatee; sababni isaas mindaa fi tola argachuudhaaf jecha. Wuduu’a tokkoon salaata waajibaa tokkoo ol salaatuun ni danda'ama, hanga wuduu’a isaa hin diignetti.

فوائد الحديث

Irra baay'een hojii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata hundaaf wuduu’a godhachuudha; sababni isaas irra guutuu barbaaduf jecha.

Salaata hundaaf wuduu’a godhachuun jaalatama ta'uudha.

Wuduu’a tokkoon salaata tokkoo ol raawwachuun akka danda’amuudha.

التصنيفات

sadarkaa wuduu'aa