إعدادات العرض
Abbaan warqii fi meetii waan irraa kaffaluun malu hin kaffalin guyyaa Qiyaamaa loowhaan ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu
Abbaan warqii fi meetii waan irraa kaffaluun malu hin kaffalin guyyaa Qiyaamaa loowhaan ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Abbaan warqii fi meetii waan irraa kaffaluun malu hin kaffalin guyyaa Qiyaamaa loowhaan ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu, ibidda Jahannam keessatti ishee irratti oo'ifama, cinaachi isaa, addi isaa fi dugdi isaa isheedhaan gubama, yeroo qabbanaa'e hunda deebi'ee isaaf oo'ifama, guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantamatti lakkaa'amu keessatti akkasitti tura, hanga jidduu gabrootatti murtiin godhamee, karaa isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaa ta'uu argutti».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt ئۇيغۇرچە Kurdî Português සිංහල Русский Nederlands অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી አማርኛ پښتو ไทย Hausa Română മലയാളം Deutschالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gosoota qabeenyaa fi guyyaa qiyaamaa adabbii warra zakaa isaanii hin kaffalle ibsan, kanneen keessaa: Inni jalqabaa: warqii fi meetii fi kan isaan lamaan fakkaatan, kan akka maallaqaa fi meeshaalee daldalaa, kan zakaan isa keessatti dirqama taate, garuu hin kaffalamne, Guyyaan Qiyaamaa yeroo gahe baqfamtee akka bifa gabatetti naqamtee, ibiddi irratti qabsiifamee, abbaan ishee ittiin adabama, cinaacha isaa, addi isaa fi dugdi isaa ittiin gubama, yeroo qabbanaa’e hundatti deebi’ee ho’ifama, Haala gidiraa kanaan, guyyaa qiyaamaa guutuu guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantama ta'u keessatti itti fufa, hanga Rabbiin uumama isaa gidduutti murteessutti, warra Jannataa ykn warra ibiddaa irraa ta'a. Lammaffaan: Abbaa gaalaa kan zakaa fi haqa isaa hin kaffalle, sana keessaa namoota hiyyeessa ta'an irraa nama isheetti dhufuuf aannan elmuudha, Gaalonni kunniin guyyaa qiyaamaa gurguddoo gagabbatoo fi lakkoofsa keessatti kan duraanii caalaa ta'anii fidamanii, abbaan ishee dachii bal'oo wal qixa ta'e irratti isheedhaaf diriirfamee, miilaan isheetin irra deemaa ilkaan isheetin isa ciniinti, Yeroo inni dhumaa isa bira darbu hundatti inni jalqabaa itti deebifama, Haala gidiraa kanaan, guyyaa qiyaamaa guutuu guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantama ta'u keessatti itti fufa, hanga Rabbiin uumama isaa gidduutti murteessutti, warra Jannataa ykn warra ibiddaa irraa ta'a. Sadaffaan: Abbaa horii fi re'eeti -hoola fi re'ee- kan abbaan ishee zakaa ishee keessatti dirqamaa hin kaffalle, guyyaa qiyaamaa osoo homaa irraa hin hir'atin lakkoofsa duraanii caalaa taatee fidamtee, abbaan ishee dachii bal’aa wal qixa ta’e irratti isheedhaaf diriirfama, tan gaafa baajii, tan gaafa hin qabne, tan gaafni irraa cabe ishee keessa hin jirtu, inumaachaa isheen haala ishee guutuu irratti jirti, gaafa isheetin isa waraanaa, miila isheetin irra deemti, yeroo inni dhumaa bira darbu hundatti inni jalqabaa itti deebifama. Haala gidiraa kanaan, guyyaa qiyaamaa guutuu guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantama ta'u keessatti itti fufa, hanga Rabbiin uumama isaa gidduutti murteessutti, warra Jannataa ykn warra ibiddaa irraa ta'a. Afraffaan: Abbootii fardaati, inni gosa sadiitti qoodama: Tokkoffaan: Isa namichaatti dilii ta'u, kunis nama na argiif, of tuuluu fi ummata Islaamaa irratti lola labsuuf isa godhate. Lammaffaan: Isa namichaaf girdoo ta'u, kunis Nama karaa Rabbii irratti jihaadaaf farda qopheessee, ergasii tola itti ooluun, nyaataa fi kormaa itti gadi lakkisuu dabalatee waan ishee barbaachisu hunda kan kenneefi. Sadaffaan: Isa namichaaf mindaa ta'u, kunis nama Islaamummaaf karaa Rabbii irratti jihaada gaggeessuuf isa godhate, inni dheeduuf margaa fi caffee keessa oola, lakkoofsa waan waan inni nyaatetiin toltuun isaaf barreeffamu malee hin hafu, akkasumas lakkoofsa faandoo fi fincaan isaatin toltuun isaaf barreeffamu malee hin hafu, inni haada isaa dheeraa ittiin hidhamu kutee, dafee gaara bahee jennaan; lakkoofsa faana fi faandoo isaatin toltuun isaaf barreeffamu malee hin hafu, Abbaan isaa laga bira isaan darbee jennaan bishaan hin dhugu abbaanisa isa obaasuu hin barbaadu, lakkoofsa waan inni dhugeetin isaaf barreeffamu malee hin hafu. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harreen akka fardaati moo akkamii irraa gaafataman? Akkas jedhan: Aayata fakkaatan ishee xiqqaa tana malee seerri isaaf addatti bu'e hin jiru, isheen kheyrii fi badii irraa gosoota hunda qabatti. Isheen jecha Rabbii ol ta'eeti: {Namni (hanga) madaala atoomii toltuu dalage isa ni argata, namni (hanga) madaala atoomii dalagaa badduu dalagees isa ni argata} [Az-Zalzalah: 8], Harroota horachuu keessatti namni kheyrii hojjate mindaa sanaa ni argata, yoo badii hojjates adabbii sanaa ni argata, kuni gochoota hunda hammata.فوائد الحديث
Zakaa kaffaluun dirqama ta'uu fi isa kaffaluu diduu irratti doorsisni cimaan akka jiruudha.
Namni zakaa ceem'aa irraa kan ka'een dhoorgatu kaafira hin tahuudha, garuu balaa guddaa keessa jira.
Namni tokko gocha Rabbiif ajajamuu keessatti yoo ka’umsa dalagaa sanii yaade ta'ee tokko tokko gocha sanaa osoo hin yaadinillee, tokkoo tokkoo dalagaa saniin akka mindeeffamuudha.
Qabeenya keessa Zakaa malee haqni biraas akka jiruudha.
Haqa gaalaa keessaa eddoo gaalli bishaan dhugdutti namoota hiyyeessa ta'an irraa nama dhufeef isa elmuudha; Akka nama rakkateef mana dhaquu caalaa salphaa ta’uuf jecha, akkasumas horii sanaafis gara laafessa ta'uuf jecha, Ibnu Baxxaal akkana jedhe: Qabeenya keessa haqa lamaatu jira: Haqa tokkoo tokkoon nama irratti dirqamaati fi kan birooti, Aannan elmuun haqa amaloota faarfamoo irraa ta'eedha.
Haqa gaalaa, horii fi re'ee keessaa yeroo isheen kormatti haajamtetti kormaa itti gadi lakkisuudha.
Murtiin harree fi waan addatti Aayanni qur'aanaa fi hadiisni itti hin dhufin hunduu: Jecha Rabbii ol ta'ee kana keessatti hammatameera: {Namni (hanga) madaala atoomii toltuu dalage isa ni arga, namni (hanga) madaala atoomii dalagaa badduu dalage isa ni arga}.
Keeyyatni Qur'aanaa kun osoo waan xiqqaas ta'ee waan gaarii hojjechuu irratti jajjabeessuu fi osoo xiqqaas ta'ee waan hamaa hojjechuu irraa sodaachisuu of keessaa qaba.