إعدادات العرض
Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra
Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra
Xaariq ibnu Ashyam Al-Ashja'ii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල دری Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy Română Kinyarwanda नेपाली Српски Wolof Soomaali Moore Українська Български Azərbaycan मराठी ქართული тоҷикӣ Bambara Македонски አማርኛ ភាសាខ្មែរ ਪੰਜਾਬੀ Italiano O‘zbekالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni arraba isaatiin "Laa Ilaaha Illallaah" jedhe, jechuunis: haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jechuudha, namni akkas jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafaree, amantii islaamaa malee amantaa hunda irraa qulqullaa'e, muslimoota irratti qabeenyi isaa fi dhiigni isaa dhugumatti haraama ta'eera, hojii isaa mul'ataa malee kan keessaa dirqama keenyaa miti, qabeenyi isaa hin saamamu dhiigni isaas hin dhangalaafamu, yakka yoo hojjate malee yookaan badii murtoo islaamaatiin sana dirqamsiisu yoo hojjate malee. guyyaa qiyaamaatti herrega isaa Rabbiitu herrega, waan jedhu keessatti dhugaa dubbataa yoo ta'e isa mindeessa, munaafiqa yoo ta'e immoo isa adaba.فوائد الحديث
Laa ILaaha Illallaah arrabaan jechuunii fi hunda waan Rabbii gaditti gabbaramuutti kafaruun islaamummaatti seenuuf ulaagaadha.
Hiikni (Laa Ilaaha Illallaah) hunda waan Rabbii gaditti gabbaramuu, taabota, qabrii fi kanneen biroo hundatti kafaruu fi gabbartiidhaan Rabbii qophaa baasanii tokkichoomsuudha.
Namni tawhiida qabatee bakkeen immoo karaa isaa irratti gadi dhaabbate, hanga faallaan sanaa ifa galutti isa irraa dhaabbachuun dirqama ta'a.
Haqaan yoo ta'e malee qabeenyi muslimaa, dhiigni isaa fi kabajaan isaa haraama ta'uu isaa.
Duuniyaa keessatti murtoon waan mul'atu irratti, Aakhiraattii immoo niyyaa fi yaada irratti.
التصنيفات
tawhiida gabbaramummaa