Haalli nabiyyii Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana ture

Haalli nabiyyii Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana ture

Sa'ad ibnu Hishaam ibuu Aamir yeroo Aa'ishaatti ol seenetti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Yaa haadha mu'umintootaa, haala ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- naaf himi, Aa'ishaanis ni jette: Qur'aana hin qaraatuu? lakki, nan qara'a, Aa'ishaanis ni jette: Haalli nabiyyii Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana ture.

[sirrii] [muslim hadiisa dheera keessatti odeesse]

الشرح

Haati mu'umintootaa Aa'ishaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- haala nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa gaafatamtee, jecha wolitti qabataa ta'een deebiste, gaafataa gara Qur'aana kabajamaa isa haala guutuu hunda of keessatti qabateetti qajeelchite, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala Qur'aanaatiin qabatu ture jette, waan Qur'aanni itti ajaje hojiitti hiiku, waan Qur'aanni irraa dhoorge immoo irraa fagaatu, haalli isaanii isaan hojjachuu, daangaa isaa irra dhaabbachuu, namuusa isaatiin taliigamuu fi fakkeenyota isaatii fi seenowwan isaatiin gorfamuu ture.

فوائد الحديث

Haala qur'aanaa qabachuu isaanii keessatti Nabiyyiitti hidhachuutti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kakaasuutu keessa jira.

Haala Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faarsuutu keessa jira, haalli isaanii ulaa wahyii irraa ture.

Qur'aanni madda haala bareedaa hundaati.

Islaamummaa keessatti haalli amantaa hunda qabata, ajaja hojii irra oolchuun, dhoorgaa irraa dhoorgamuun.

التصنيفات

amala isaa