nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha

nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Sahaabota Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa namoonni wohii dhufanii akkas jechuun isaan gaafatan: nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Tuutni wohii sahaabota nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa dhufaniii waantoota gurguddoo fokkina isii fi isii jibbuu isaanii irraa kan ka'e isii dubbachuun isaan irratti kan ulfaatu lubbuu isaanii keessatti kan isa argan irraa gaafatani, Nabiyyiinis rahmannii fi nageenyi isaan irratti haa jiraatu ni jedhani: wanti isin isa argitan kun iimaana ifa galaa fi yaqiina isa waan shayxaanni qalbii keessa buusu dhoorguutti, isa dubbachuu mormuttii fi wanni sun lubbuu keessanitti ulfaatuutti isin dhiibuudha, shayxaanni lubbuu keessan irratti moo'uu hin deenye, faallaa nama shayxaanni lubbuu isaatti karaa argatee waan isa ofirraa deebisuun hin argatiniiti.

فوائد الحديث

Shayxaanni warra iimaanaa waliin dadhabaa akka ta'ee fi Waswasaa irratti malee homaa akka hin dandeenye ibsuudha.

Waswasaa irraa waan lubbuun of keessa deddeebiftu dhugeessuu dhabuudha, sun waan shayxaana irraa ta'eef jecha.

Waswasaan shayxaanaa muumina hin miitu, garuu waswasaa isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkasumas sana isa duuka yaadaan deemuu haa dhiisu.

Dhimma diinii irraa waan isa dhibu irraa callisuun muslimaaf hin barbaachisu, isa irraa gaafachuun isaaf barbaachisaadha.