إعدادات العرض
Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a
Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin keenya -guddatee ol ta'e- halkan hunda yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'a, ni jedha: «Eenyu kan na kadhatu isaafan owwaadha? eenyu kan na gaafatu isaafan kenna? eenyu kan araarama narra barbaadu isaafan araarama?».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் සිංහල မြန်မာ ไทย Русский 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Hausa دری Magyar ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Română Kinyarwanda नेपाली Српски Soomaali Deutsch Moore Українська Български Wolof Azərbaycan ქართული тоҷикӣ Bambara Македонски አማርኛ Malagasy ភាសាខ្មែរ मराठी ਪੰਜਾਬੀ Italiano O‘zbekالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudha ibsani: Rabbiin -guddatee ol ta'e- halkan hundaa yeroo halkan harka sadi keessaa inni xumuraa hafutti gara samii duuniyaatti bu'uun, gabroottan isaa isa kadhachuutti kakaasa, inni nama isa kadhateef ni owwaata, akkasuma waan barbaadan akka isa kadhatanutti isaan kakaasa, inni nama kadhateef ni kenna, akkasuma badii isaanii irraa araarama akka isa gaafatan isaan kakaasa, inni gabroottan isaa mu'umintootaaf ni dhiisa.فوائد الحديث
Halkan harka sadii keessaa harki inni xumuraa sadarkaa inni qabuudha, akkasuma isa keessatti salaata, kadhaa fi araarama gaafachuun sadarkaa inni qabuudha.
Ilma namaatiif yeroo hadiisa kana dhaga'utti yeroo kadhaan itti qeebalamu booji'achuu keessatti bolola jabaa qabaachuutu isaaf barbaachisa.
التصنيفات
tawhiida maqaaleefii sifaataa