إعدادات العرض
nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee
nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee
Ibnu Umar irraa odeeffame -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-: nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Português Kurdî മലയാളം Kiswahili සිංහල አማርኛ অসমীয়া ગુજરાતી Tiếng Việt دری Nederlands Soomaali नेपाली پښتو Svenska ไทย Кыргызча Română తెలుగు Lietuvių Malagasy ಕನ್ನಡ Српски Yorùbá ქართული Mooreالشرح
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nazrii irraa dhoorgani, nazrii jechuun: ilmi namaa waan shari'aan dirqama isa irratti hin taasifne ofirratti dirqama taasisuudha, akkasumas nazriin waan tokko as butuu fi achi butuu hin danda'u jedhani, bu'aan isaa dogna isa waan Rabbiin dirqama irratti taasise malee waan biraa hin baafne harkaa ittii waa baasuu qofa, nazriin waan Rabbiin sila isaaf hin murteessine homaa isaaf fiduu hin danda'u.فوائد الحديث
nazrii seenuun karaa hin godhamne, garuu yoo kan nazare ta'e isa guutuun dirqama isa irratti ta'a badii kan hin taane yoo ta'e.
sababni dhorgameef (inni khayrii hin fidu waan ta'eefi); sababni isaas inni murtoo Rabbii irraa homaa hin deebisu; akka namni nazrii seene sababaa nazriitiin waan barbaade argate hin seeneef jecha, Rabbiin ol ta'e sana irraa dureessa.
qurxubiin akkas jedhe: dhoorgaan kun eddoon isaa fakkeenyaf namni tokko akkana jechuudha: yoo Rabbiin dhukkubsataa koo naaf fayyise sadaqaa akkasiitu narra jira, jibbamaa kan ta'eef hojiin dubbatame kan Rabbitti ittiin dhihaatan kun bu'aan dubbatame argamuu irrati kan hundaa'e waan ta'eefi, jalqabuma irraa waan isa irraa argame kanaaf niyyaan Rabbitti ittiin dhihaachuu akka isaaf hin argamne waan mul'ateef, inumaa adeemsa kennanii fudhachuu hordofe, kana immoo ifa kan godhu osoo dhukkubsataan isaa hin fayyine ta'ee waan fayya isaatti rarraase sana hin sadaqatu ture, kun immoo haala dognaati, inni haala bakka buusaan ariifataa ta'e kan yeroo hedduu waan inni baase caaluun yoo ta'e malee qabeenya isaa keessaa homaa hin baasu.
التصنيفات
kakuuleefii qodhaa