إعدادات العرض
Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”
Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, waan yoo isa hojjattan wal jaallattanitti isin qajeelchuu? salaamtaa gidduu keessanitti waliin jechuu heddummeessaa”.
الترجمة
العربية Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە Tiếng Việt ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or नेपाली Malagasy Kinyarwanda తెలుగు Lietuvių Română മലയാളം Nederlands Soomaali Српски Українська Deutsch ಕನ್ನಡ Wolof Moore Shqip ქართული Azərbaycan Magyarالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mu'umitoota malee namni biraa akka jannata hin seenne fi iimaanni akka hin guutamne, akkasumas hanga gariin isaanii garii jaallatutti haalli hawaasa muslimaas akka hin tolle ibsaniiru. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara irra caalaa wantoota wal jaallachuuf sababaa ta'anitti qajeelchan, innis salaamtaa Rabbiin gabroota Isaatif kabajaa taasise gidduu muslimootatti waliin jechuu heddummeessuudha. فوائد الحديث
Jannata seenuun iimaanan malee hin ta'u.
Guutummina iimaana irraa Muslimni tokko waan ofii isaatiif jaallatu obboleessa isaatif jaallachuudha.
Gidduu muslimootatti salaamtaa babal’isuun jaallatamaa ta'uudha; sababni isaas waan isa keessa gidduu namootatti jaalalaa fi nageenya babal'isuun jiruuf jecha.
Salaamtaan muslima malee nama birootin hin jedhamu; sababbni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: "Gidduu keessanitti".
Salaamtaa waliin jechuu keessa wal muruu, waliin ooduu fi wal jibbuu balleessuutu jira.
Gidduu muslimootatti wal jaallachuun barbaachisaa ta'uu fi innis guutummina iimaanaa irraa ta'uudha.
Hadiisa biraa keessatti jechi salaamtaa guutuu ta'ee akkana jechuutu jira: "As-salaamu Aleykum warahmatullahi wabarakaatuh", akkana jechuunis: "As-salaamu Aleykum" ni gaya.
التصنيفات
sadarkaa hojii qaamaa