Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee

Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee

Abuu Dardaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee, warqee fi meeta kennachuu irra caaltuu kan taate fi diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuu fi isaanis morma keessan rukutuu irra caaltuu kan taate isiniif himuu?» ni jedhan: Eeyyee. Isaanis ni jedhan: «Rabbii ol ta'e zakkaruudha».

[sirrii] [ibnumaajah odeesse - tirmizii odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sahaabaa isaanii akkana jedhanii gaafatan: Irra caalaa hojiilee keessanii fi Rabbii guddaan biratti irra kabajamtuu, irra caaltuu fi irra qulqulluu ishee isiniif himuu fi isin barsiisuu ni barbaadduu? Sadarkaa keessan Jannata keessatti irra ol kaastuu? Warqee fi meetii sadaqachuu isiniif irra caaltuu? Lolaaf Kaafiroota diina keessan wajjiin wal qunnamtanii, isin morma isaanii rukuttanii, isaanis morma morma keessan rukutuu irra caaltuu kan taate? Sahaabonni: Eeyyee, nuti akkas barbaanna jedhan. Isaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: yeroo fi haala hunda keessatti Rabbii ol ta'e zakkaruudha.

فوائد الحديث

Alaa fi keessanis itti fufiinsaan Rabbii ol ta'e zakkaruun irra guddaa wantoota Rabbittiin dhihaatanii fi Rabbiin biratti irra bu'a qabeessa irraa ta'uudha.

Hojiileen hundi kan karaa godhamte Rabbii ol ta'e zakkaruuf jecha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: (Ana zakkaruuf jecha salaata dhaabi). Isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: "Beytiifii Safaa Marwaa jidduu naanna’uu fi dhagaa darbachuun Rabbii ol ta'e zakkaruuf jecha taasifame". Abuu Daawuudii fi Tirmiizitu gabaase.

Al-Izzu bin Abdussalaam Qawaa'ida isaa keessatti akkana jedhe: Hadiisni kun Mindaan ibaadaalee hunda keessatti hamma dadhabbiitin akka hin taane wantoota agarsiisan keessaa isa tokkoodha, inumaayyuu Rabbiin ol ta'e dalagaa gurguddoo irratti mindaa kennu caalaa dalagaa xixiqqoo irratti mindaa guddaa yeroo tokko tokko ni kenna. Mindaan akka garaagarummaa sadarkaatin ta'a.

Al-Manaawiin Feyd al-Qadiir keessatti akkana jedhe: Hadiisni kun warra yeroo san ilaallatu ilaalchisee zikriin akka isaanif irra caalaa ta'e agarsiisa, nama jabaa goota lola keessatti islaamummaa fayyaduun isaan argamu ilaalchisee osoo dubbatamee Silaa irra caalaan dalagaa jihaada jedhamaani ture, ykn dureessa qabeenya isaatin namni hiyeessi fayyadamu osoo ta'ee silaa irra caalan dalagaa sadaqaadha jedhamaani ture, akkasumas nama Hajjii gochuu irratti dandeettii qabu osoo ta'ee silaa irra caalaan dalagaa Hajjii gochuudha jedhamaani ture, ykn nama haadha fi abbaa qabu osoo ta'ee irra caalaan dalagaa isaanitti tola ooluudha jedhamaani ture, kanaani jidduu Hadiisowwanii wal simachuun argama.

Irra guutuun zikrii waan arrabni xiinxala qalbiitin dubbateedha. eegasii waan qalbii qofaan ta'e, sunia waan akka xiinxaluuti, eegasii waan arraba qofaan ta'e,. Yoo Rabbiin ol ta'e fedhe hunduma keessa mindaan jira.

Muslimni zikriiwwan haala yeroo waliin walqabatan, kan akka zikrii ganamaa fi galgalaa, masjida fi mana seenuu, mana fincaani seenuu fi irraa bahuu fi kan biroo irratti tikfachuun namoota hedduu Rabbiin zakkaran irraa isa taasisa.

التصنيفات

sadarkaa zikrii