Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a

Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: "Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a, Namni alaabaa gosaatin, garee tokko jalatti qabsaa’e kan garee sanaaf dheekkamu ykn garee sanatti waamu, ykn garee osoo tumsuu ajjeefame inni ajjeechaa wallaalummaa ajjeefame, Namni ummata kiyya irratti fincila kaase, nama qajeelaa fi kan safuu hin qabne irrattis duulu, kan mu'uminootaaf dantaa hin qabne, kan waadaa gale hin raawwanne, inni ana irraa anis isa irraa miti".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu, namni bulchitootaaf ajajamuu dide, garee Islaamaa Imaamaaf amanamummaa galan irraa adda bahe, haala addaan bahuu fi ajajamuu diduu sana keessatti kan du'e, du'a namoota wallaalummaa kan itti gaafatamaa isaanitiif hin ajajamnee fi kan garee tokkotti hin makamne, inumaayyuu isaan gare garee fi baandaa wal lolan kan ta'an akka du'a ibsan. 253 Akkasumas Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, namni alaabaa isa keessatti dhugaa fi soba adda baasuu hin dandeenye jalatti qabsaa'u, amantii fi dhugaa deeggaruuf osoo hin taane, Hubannoo fi beekumsa malee kan ka'ee lolu, yoo haala kanaan du'e tahe akka warra wallaalummaatti akka du'etti lakkaa'ama jechuu himan. Akkasumas Namni ummat isaanii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu- irratti fincilee qajeelaa ummatichaati fi nama safuu hin qabne rukutee, waan hojjeteef dhimma kan hin qabnee fi mu'umina ajjeessuun adabbii hin sodaanne, waadaa ummata kaafiraa fi warra aangoo qabaniif kan hin guunne, inumaayyuu kan waadaa san diigu yoo ta'e, kun dilii gurguddaa irraa lakkaa'ama, namni isa raawwatees kan doorsisa hamaa akka haqa godhatu ta'uu himan.

فوائد الحديث

Hanga dilitti nama hin ajajnetti, warra itti gaafatamummaa qabaniif ajajamuun dirqama ta'uudha.

Warra itti gaafatamaaf hin ajajamnee fi hawaasa muslimaa irraa adda bahaniif akeekkachiisa cimaa of keessaa qaba. Yoo haala kanaan du'e, du'a warra wallaalummaa akka du'uudha.

Gosummaa loluu irraa dhoorguutu Hadiisicha keessa jira.

waadaa galame raawwachuun dirqama tahuudha.

Ajajamuu fi garee muslimtootaa wajji jiraachuun keessatti kheyrii guddaa, nageenya, tasgabbii fi tolinni haalaa kan jiru ta'uudha.

Haala ummata wallaalaa fakkaachuu irraa dhoorguudha.

garee hawaasa muslimaa waliin jiraachutti ajajuudha.

التصنيفات

hoogganarratti finciluu