إعدادات العرض
Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa
Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa
Abdullaah ilma Amrii ilma Al-Aas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa".
[sirrii] [haakimiif xabraaniin odeessan]
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Kurdî Wolof Soomaali Français Azərbaycan Tagalog Українська bm தமிழ் Deutsch ქართული Português Македонски Magyar فارسی Русский 中文الشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka huccuun haaraa yeroo dheeraa fayyadamuu irrra kan ka'een moofa'uutti iimaanni qalbii muslimaa keessatti akka moofa'uu fi dadhabu himani. Sunis sababaa ibaadaa irraa dadhabuutiin, yookaan sababaa badiiwwan hojjachuu fi fedhii lubbuutiin liqimfamuutiini. Kanaafuu nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaana keenya akka nuuf haaromsuuf Rabbiiin akka kadhannutti nu qajeelchani, sunis dirqamoota hojjachuu fi zikrii fi araarama kadhachuu heddummeessuun.فوائد الحديث
Ragga'iinsa fi iimaana qalbii keessatti haaromsuu Rabbiin kadhachuutti kakaasuutu keessa jira.
Iimaanni jecha, hojii fi aqiidaa qalbiitti hidhatan, Iimaanni ajaja (Rabbii guutuun) ni dabala, badii hojjachuun immoo ni hir'ata.
التصنيفات
dabaluu iimaanaatiifii ir'achuu isaa