إعدادات العرض
Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu
Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu, sun yeroo (Rabbiin akka qur'aana isaa keessatti jedhetti): {lubbuu sana dura hin amanin, yookaan iimaana isii keessatti toltuu hin hojjatin tokko iimaanni isii homaa isii hin fayyanneedha} [Al-an'aam: 158] dhugumatti namoonni lama huccuu isaanii gidduu isaaniitti gurgurtaaf jecha diriirsanii osoo isaan wal irraa hin bitinii fi osoo isaan hin maratin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namichi aannan dhuguuf jecha gaala isaa elmatee osoo inni hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti namni tokko naanniga isaa sirreeffatee ka'ee osoo inni irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, akkasumas dhugumatti tokkoon keessan nyaata isaa afaan isaatti ol fudhatee ka'ee osoo inni isa hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti".
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Kurdî Wolof Soomaali Français Azərbaycan Tagalog Українська bm தமிழ் Deutsch ქართული Português Македонски Magyar فارسی Lingala Русский 中文الشرح
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee qiyaamaa guddoo keessaa aduun karaa bahaa dhiiftee karaa dhihaatiin bahuu akka ta'ee fi namoonni yeroo isii arganitti hundi isaanii akka amanu himani, Yeroo sanatti kaafira iimaanni isaa isa hin fayyadu, akkasumas hojiin gaarii fi tawbaanilleen isa hin fayyadu. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qiyaamaan akka tasa dhuftuu fi namoonni haalotaa fi dhimmoota isaanii irra jiranuu akka dhaabbattu himani; Kan gurguruu fi kan bitu huccuu isaanii gidduu isaaniitti diriirsanii oso walitti hin gurgurinii fi osoo hin dachaafatin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala aannan gaala isaa tan elmamtu qabatee osoo inni isa hin dhugin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi naanniga isaa dhoqqeen tolfatee osoo isa irraa hin obaasin qiyaamaan dhaabbatti, Akkasumas namichi haala gurshaa isaa nyaachuuf jecha gara afaan isaatti ol fudhateen osoo inni isii hin nyaatin qiyaamaan dhaabbatti.فوائد الحديث
Hanga aduun karaa dhiha isiitiin hin baanetti Islaamummaanii fi tawbaan qeebalamaa ta'uudha.
Iimaanaa fi hojii gaariin qiyaamaadhaaf qophaa'uutti kakaasuudha; qiyaamaan akka tasaatti waan dhuftuuf jecha.