إعدادات العرض
Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi
Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi
Anas bin Maalik irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Saabit bin Qeys ni dhabanii, namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii ani bakka inni jiru nan beeka, gara isaas dhufee mana isaa keessa mataa isaa gadi qabatee kan taa'u argee akkana jedheen: Maaltu si mudate? innis ni jedhe: Hamtuudha, sababni isaas isaatu -of baanee- sagalee isaa kan Rasuulaa irra kan ol kaasu waan ta'eef jecha, kanaafuu hojiin isaa jalaa badee jira waan ta'eef inni warra ibiddaa irraayi. Eegasii namichi dhufee inni akkanaa fi akkas akka jedhe isaanitti hime.Yeroo itti aanutti oduu gammachiisaa qabatee deebi'e, akkas jedhaniin: "Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi".
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া دری Fulfulde Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली മലയാളം Bosanski Italiano ಕನ್ನಡ Kurdî Română Shqip Soomaali Српски Wolof Українська Moore Tagalog தமிழ் Malagasy Azərbaycan فارسی ქართული 中文 Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Saabit bin Qeysii -Rabbiin irraa haa jaalatu- dhabanii, waa'ee isaa gaafatanii jennaan, namichi tokko akkana jedhe: oduu isaa anaatu isiniif qaba, maalif akka badees, gara isaas deemee kan gaddee, mataa isaa gadi qabatee mana isaa keessa kan taa'u argee, akkana jedhe isa gaafate: maal taate? Saabitis hamtuu irraa waan isatti jiru itti hime; Sababni isaas isaatu sagalee isaa sagalee Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- olitti kan ol kaasu waan ta'eef jecha, Rabbiin ammoo nama akkas godhe hojiin isaa akka jalaa badu dhugumatti dubbateera, inni warra ibiddaa irraayi! Namichis gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- deebi'ee waa'ee isaa itti hime, Nabiyyichis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara Saabititti deebi'ee inni warra ibiddaa irraa osoo hin taane warra jannataa irraayi jechuun akka isa gammachiisu ajajani, sababni isaas sagaleen isaa uumamatti ol ka'aa waan ta'ee jecha, akkasumas inni khaxiiba Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fi khaxiiba warra Ansaaraa waan ta'eef jecha.فوائد الحديث
Sadarkaa Saabit bin Qeysii fi inni warra jannataa irraa akka ta'e ibsuudha Rabbiin irraa haa jaallatu.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sahaabota isaanii kan itti yaadda'anii fi kan tottoo'atan ta'uudha.
Hojiileen isaanii jalaa baduu irraa Sodaa Sahaabonni qabaniidha, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu.
Bara jireenya isaanii keessatti haasaa Nabiyiii -nagaa fi rahmanni waaliin taasisan keessatti naamusa qabaachuun dirqama ta'uudha, eega isaan du'anii ammoo yeroo sunnaa isaanii dhaga'an keessatti sagalee gadi qabachuun dirqama akka ta'eedha.