إعدادات العرض
Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara
Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara
Mahmuud bin Labiid irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu: Usmaan bin Affaan masjiida ijaaruu barbaade, garuu namoonni san ni jibbanii, akkuma jirutti akka isa dhiisu jaallatan, ni jedhe: Ani Rasuula Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu dhaga'e: "Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara".
[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली മലയാളം తెలుగు Bosanski Italiano ಕನ್ನಡ Kurdî Română Soomaali Shqip Српски Українська Wolof Moore Tagalog Malagasy தமிழ் Azərbaycan فارسی ქართული 中文 Magyarالشرح
Usmaan bin Affaan Rabbiin irraa haa jaallatu Masjiida Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ijaarsa isaa isa jalqabaa caalaa haala gaariin deebisee ijaaruu barbaade, garuu namoonni san ni jibban; Sababni isaas jijjiirama ijaarsaa sana keessa ijaarsa masjiidaa waan inni bara Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- keessatti irra jiru irraa jijjiiruun waan jiruuf jecha. Masjiidni kun dhoqqeedhaan kan ijaarame yoo ta’u, xaaraan isaas muka timiraa irraa hojjetame. Garuu Usmaan dhagaa fi jeessoon ijaaruu barbaade. Usmaan Rabbiin irraa haa jaallatu Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu kan dhaga'e ta'uu isaanitti hime: Namni fakkeessummaa fi maqaa gaarii barbaaduun malee jaalala Isaa barbaadee masjiida ijaare mindaa gosa hojii isaa irra caalu Rabbiin ol ta'e isa mindeessa, mindaan kunis Rabbiin Jannata keessatti fakkaataa waan inni ijaaree isaaf ijaaruudha.فوائد الحديث
Masjiidota ijaaruu irratti kakaasuu fi sadarkaa sanaa ibsuudha.
Masjiida bal’isuu fi haaromsuun sadarkaa ijaarsaa keessa akka galuudha.
Hojiilee hunda keessatti barbaachisummaa dalagaa Rabbii ol ta'eef qulqulleessanii dalaguun qabuudha.
التصنيفات
hukmi sudujaa