إعدادات العرض
Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo barataniif jecha akkas godhe
Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo barataniif jecha akkas godhe
Abu Hazim bin Diinaar irraa odeeffame: Namoonni tokko gara Sahl bin Sa'ad Al-Saa'idii dhufanii, minbirri maal irraa tolfamee keessatti dhugumatti haala wal mormaniin, waa’ee sanaa isa gaafatan, innis akkas jedhe: Rabbiin kakadhee inni maal irraa akka ta'e nan beeka, ani guyyaa jalqabaa itti kaayame dhugumatti isa argeera, guyyaa jalqabaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irra taa'anis argeera. Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii wahitti akkana jechuun ni ergan -isiin dubartii warra Ansaaraa irraa taate yoo taatu sahl maqaa isii waameera-: "Minbira yeroon namootatti dubbadhu irra taa’u akka naaf tolchu gabricha kee ogeessa ijaarsaa san ajaji", isheenis isa ajaja itti dabarsitee, innis gaattiraa bosonaa irraa isa tolchee, eegasii isa qabee dhufee, Ergamaa Rabbiitiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ergite, isaanis itti ajajanii as kaa'ame. Ergasii Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan irratti salaatanii osoo irra jiranii Allaahu akbar jedhan argeera, ergasii osuma irra jiranii Rukuu'a godhan, ergasii of duubatti irraa bu'anii jala minbaratti sujuuda godhanii ergasii deebi'an, yeroo xumuran gara ummataatti garagalanii akkana jedhan: "Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo barataniif jecha akkas godhe".
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली മലയാളം తెలుగు Bosanski Italiano ಕನ್ನಡ Kurdî Română Soomaali Shqip Српски Українська Wolof Moore Tagalog O‘zbek Malagasy தமிழ் Azərbaycan فارسی ქართული 中文 Magyarالشرح
Namoonni tokko gara sahaabaa tokkoo waa’ee minbira Nabiyyii kan ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- itti fayyadaman Maal irraa akka hojjetame isa gaafatuuf jecha dhufanii? waa'ee sanaa keessatti dhugumatti kan wal falman yoo ta'an, sahaabichis ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara dubartii Ansaaraa tan khaadimni ogeessa ijaarsaa qabdu takkatti erganii akkana jedhaniin: Minbara yeroon namoota dubbisu irra taa'u akka naaf hojjetu Mucaa kee ajaji. Dubartiin tole jettee akka Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muka gaattiraa irraa tolchu gabricha ishee ajaja itti dabarsite, yeruma inni raawwate gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ergite, isaanis itti ajajnii masjiida irraa eddoo isaa kaa'ame, ergasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmnni irra haa jiraatu- irratti salaatanii osuma isa irra jiranii Allaahu akbar jedhanii, ergasii osuma irra jiranii jilba qabatan, Ergasii gara duubatti deemaa osoo fuula isaanii duubatti hin deebisin gadi bu'anii jala minbaratti sujuuda godhanii ergasii deebi'an, yeroo salaata irraa raawwatan ummatatti garagalanii akkas jedhan: "Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo bartaniif akkas godhe”.فوائد الحديث
Minbira tolfachuu fi khaxiibni irratti ba'uun jaalatamaa ta'uudha, faayidaan isaa ammoo sagalee geessuu fi dhageessisuudha.
Waa barsiisuuf jecha minbara irratti salaachuun ni danda’amaadha, akkasumas imaamanis dhimma wahiitif namoota salaachisuu ol tahuun ni danda'amaadha.
Dhimma Muslimootaaf jecha warra waa tolchuun gargaaramuun ni danda'amaadha.
Yeroo salaataa jiran xiqqoo socho’uun yoo barbaachisaa ta’e ni danda'amaadha.
Akka isa irraa baratuuf jecha namni duubaan salaatu tokko, yeroo salaataa jiru imaama isaa ilaaluun ni danda'amaa fi sun khushuu'a akka hin faallessineedha.
التصنيفات
akkaataa salaataa