إعدادات العرض
Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee
Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee
Abuu Abdullaah Jaabir ibnu Abdullaah Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu: Namichi wohii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun gaafate: Mee naaf himaa! salaatowwan dirqama ta'an salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es yoon haraama godhee, sana irratti yoon homaa dabaluu dhabe, jannata nan seenaa? Ergamaanis: «Eeyyeen» jedhan.
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch پښتو অসমীয়া Shqip Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayuالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni salaatowwan dirqamaa salaatee sunnaawwan irraa homaa isiitti hin daballe, ramadaana dirqamaas soomee sunnaa kan hin soomne, halaalummaa waan halaala ta'eettis amanee isa yoo hojjate, akkasumas haraamummaa waan haraama ta'eettis amanee isa irraa yoo fagaate, inni dhugumatti jannata akka seenu ibsani.فوائد الحديث
Wantoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuu irratti, akkasumas xumurri isaa jannata seenuu t'uu irratti bolola muslimni qabuudha.
Barbaachisummaa halaala hojjachuu fi halaalummaa isiitti amanuun qabuudha, akkasumas barbaachisummaa waan haraama ta'e harramsuu fi haraamummaa isaatti amanuun qabuudha.
Wontoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuun jannata seenuuf sababaadha.
