Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate

Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate

Jaabiir irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Umar bin Al-Khaxxaab waan armaan gadii kana naaf odeesse: Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate.

[ragaalee isaatiin sahiiha] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Umar, Rabbiin irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, namicha tokko kan wuduu’a isaa xumuree, waan hanga kottee qubaa kan bishaan wuduu'aa isa bira hin gayin miila isaa irratti dhiisee akka argan gabaase, Eegasii bakka dagannoon itti mul’atutti akeekun akkana isaan jedhani: Deebi’ii wuduu’a kee bareechii guutii humna hundaafuu bishaan irraa haqa isaa kenniifii godhadhu. ​ Namichis deebi’ee wuduu’a isaa guuttatee, eegasii salaate.

فوائد الحديث

Daddafanii gaaritti ajajuu fi wallaalaa fi dagataaf qajeelfama kennuun dirqama ta'uudha, Keessattuu wanni badaa sun ibaadaan namichaa baduuf sababaa kan ta'u yoo ta'e.

Kutaalee wuduu’aa bishaaniin waliin ga'uun dirqama ta'uu fi namni humnoolee wuduu'aa keessaa humna tokko dhiise -osoo waa xiqqollee ta'ee- wuduu'in saniin waliin isaaf sirrii hin ta'uudha, wuduu'a guututti deebisee godhachuudha qaba, yeroon walakkaa sana jiru yoo dheeraa ta'e.

Wuduu’a bareechanii raawwachuun karaa ta'uudha, innis akka shari'aan itti ajajetti isa guutanii bakkaan gayanii godhachuuni.

Miilli lamaan kutaalee wuduu’aa keessaa tokko waan ta’eef, irra haxaa’uun gahaa miti, dhiqamuudha qaba.

Humna tokko osoo kan isa duraa hin gogin dhiquun Kutaalee wuduu’aa walduraa duubaan dhiquun barbaachisaa ta'uudha.

Wallaalummaa fi dagachuun dili namarraa kuffisan malee dirqama namarra jiru hin kuffisaniidha, Namicha wallaalummaa isaatif jecha wuduu'a isaa guutee hin gadhatin kanarraa Nabiyyiin -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jirtu- dirqama wuduu'aa kan isarra jiru hin kaffisne, deeb'ee akka sirreeffatu isa ajajan malee.

التصنيفات

roga wuduu'aa